Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Roomaa 12:3 - KITAABA WAAQA

3 Maro eeba Waaqi naa kenneefi anini waan isani ch'ufaani jed'u: Ufi saaddani ufi inguddisiina. Ammo herega keesani keesati ufi diqeesa, ammalle nami ch'ufti d'ugefacha Waaqi isaa kenne gula ha ufi qoruuti.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Roomaa 12:3
47 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Dammi nyaatani ufira dabarsani hama, ammalle akasuma nami aka guddo nami isa owisu fed'uleeni dansaaniti.


Nama qaroo intahini, ka ammo qaroo ufi sehu, daalle raatuti ira jira.


Tanaafi guddo nama d'uga taate, yokhaani qaro taate, waan ch'ufa keesa indabriini — maanifi ufumaa ufi balleesita?


Hiyo akasiniti; AABBO Waaqi waan dansa nu tolchuu malle ya nuti hime. Wonti inni nuraa fed'u tana: aka waan d'uga qajeeltu tolchani, jaalala ind'umanne nama garsiisani, ufi saadu lakisani Waaqa woliini taani.


Namichi Farisayo kaani koba ejate garaa ufi keesati Waaqa kad'ate waan jed'e, Ee Waaqa, anini sabdiniti, d'ara indubbad'u, algalooma indeemu, yokhaani aka namicha kana ka damoosa guuru injiru.


Nami Waaqi erge suni dubbuma Waaqa ch'alla dubbata, waan Waaqi Lubbu ufi ch'ufa isaa kennuufi.


Maro isaatiifi Waaqi na fohate ergattu maro maqa Kristotiifi na tolche, aka gosa ch'ufa d'ugefachiise fud'achiisu.


Tunini d'uga. Maro worri ind'ugefatiiniifi ch'ach'absani, ammo isani fulla teesani maro d'ugefattaniifi keesa teetani. Waan kanaafi ufi inguddisiina, ammo sodaad'a.


Waan d'ossani toko ta d'ugaati jira, oboleyaani tiyya, anini aka isani baratani fed'a. Anini isanii guddo qaro ufi seetani infed'u. Wonti kunini tana: mata jabeenni gosa Israeli waan haga hegeri taatiniti ammo eegi gochiti d'ibiini ch'ufti Waaqati deebitu inhobaa.


Nama ch'ufaani wold'aqa. Ufi inguddisiina, ammo huji isani diqeesitule hojad'a. Qaro ufi insehiina.


Ammo maro eeba Waaqaatiifi anini akuma jiru jira, eebiti inni naa kenne ufumaa imbanne. Ammo, anini ergattu ch'ufa ira jabaad'e hojad'e, ato waan anini ufiini tolche tahu d'ibaatele, ammo eeba Waaqaati na keesa tolche.


Eeba Waaqi naa kenneeni anini akuma ijaartu manaa yayaba manaa kaye, yayaba suni gubbati nami d'ibiini mana ijaaru jira. Ammo nami ch'ufti aka ijaaru ilaalu male.


Nami ch'ufti kenniti Waaqi isaa kenne gula tau male, ammalle akuma gaafa Waaqi isa yaame jiru tau male. Seeri anini gumi ch'ufa barsiisu kana.


Nu haga dabarre ufi inguddimnu; haguma Waaqi nu herege ch'alla ufi herenna, heregi suni huji nu jiddu teesaniti hojannu.


Wonti d'ibiini anini isanii tolche taka gumi d'ibi intolchiini maani? Qarqaarsa ch'alla naa kenna isani injed'iini. Naa araarama, yo anini waan hamtu isani tolche!


Ammo aka ufi guddisu na d'owani maro waan dansa ka anini argeetiifi, nafa kiyya keesa qoraatiini na woraante; wonti na d'ukubse suni aka ergattu Sheet'ana taate na gaargalchite ufi guddisu na d'owarte.


Yo nami woma intahiini wo ufi sehe, inni ufi daalleesu jira.


D'uguma, isani ya d'ageetani, aka Waaqi eeba isatiini huji tana naa kenne, aka isanii jed'e hojad'u.


yo waan anini t'aafe soomtani, aka anini waan d'ossa ka Kristo barad'e inargitani.


Jabeenna isaatiini nafi keenna ch'ufti taka, ammalle nafi ch'ufti mita ufitiini wolti eja. Tanaafi yo mitaani ch'ufti garaa ufitiini hojate, nafi ch'ufti guddate jaalalaani jabaata.


Wonti akanatiifi Waaqi hojja ch'ufa isani keesa hojachu jira, aka, aka fed'i isaa guuttani, isani feesise dandeesisu.


Aka waan kana guutu anini gaargale hojad'e irre jabdu ta na keesa hojatu; ta Yeso Kristoni na kenneeni.


Duri isani maro daba keesanitiifi, ammalle waan gosa d'ibi ta Seera qabanqaba jala injirre taataniifi dootani. Ammo amma Waaqi ya kristo woliini isani ijeese! Waaqi ya daba keenna ch'ufa nu araarame.


Ammalle Aabbooni eeba ufi guddise naa kenne, d'ugefachaafi jaalala ta Kristo Yeso keesati teenna taate woliini.


Ammo nad'eeni yo ijoolle d'alte baafamti, yo isiini d'ugefachaafi jaalalafi qulqulloomafi adaba dansaani teete.


Anini nad'eenile ta ch'eerte woya isi fakaattu keyattu fed'a; mata aka shooba filatani, worqifi dooqafi woya gati gugurdo keyachu himmalle,


Eebiti sunini waan nuuni jettu, waan hamtu ka Waaqi infeenefi d'araa nafa lakisa, ufi qorqorad'a, qajeela, lafa tana keesa jireenna Waaqi fed'u keesa taa.


Jaaroleeni, Ufi iwolaaliina, qalbi horad'a, ufi qorqorad'a; d'ugefacha dansaafi jaalalafi obsa horad'a jed'iini.


aka nad'eeni kaima jaalala d'iirsatiifi ta ijoolle ufi baratte,


Akaskasuma kaimaleeni, Ufi qorqorad'a jed'iini.


Ammo eebiti Waaqi namaa kennu hagasi ira jabdu. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi nama ufi guddisu dide, ka ufi diqeesu eebisa.


Tanaafi qalbi teesaniini kurfefad'a. Gurra d'aaba, ch'aqasa; abdi teesani, eeba hojja Yeso Kristoni mullatu isanii kennani, ira keyad'a.


Nami wo barsiisu ha dubbuma Waaqaa barsiisuti; nami hojatu ha jabeenna Waaqi kennufiini hojatuuti; aka waan ch'ufa keesati Waaqa faarsani, Yeso Kristo, ka guddinnaafi jabeenna haga hegeri qabu keesa. Amini.


Muummeeni waan ch'ufa ya d'iaatte. Tanaafi ufi tissitani kurfo tau maltani, aka Waaqa kad'attani.


Akasuma isani kaimi, jaarole saalfachu maltani. Nami ch'ufti ha ufi diqeese woli hojatu; wonti akanatiifi Waaqi worra ufi guddisuuni morka, ammo ka ufi diqeesu ineebisa.


Kurfo taa, eegad'a! Nyaapi keesani Sheet'ani, aka nyeench'a itanaa deeme nama nyaatu barbaada.


Anini tatabe diqo toko gara gumi t'aafe; ammo namichi Diotrefe jed'ani, ka gudda worraa tahu fed'u, dubbi tiyya womatu indarre.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ