inni nu baase. Maro huji dansa nu hojannefiniti, ammo maro naasu isaatiifi nu baase, Lubbu Qulqullooni nu d'iqe, isiini d'aloota hareesafi jireenna haraa nuu kennite.
Kara kanaani, inni ya kakhu dansa, ta guddo wo nu baatu nuu kenne, aka eegi waan inni kakhate argattani, d'araa badi, ta lafa tana keesa jirtu, duraa baatani, Waaqa fakaattani, jireenna isaa qoodattani.
Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.