Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Roomaa 10:3 - KITAABA WAAQA

3 Worri kara Waaqi d'uga namaa hereguuni imbeekhu, ya kara ufi mid'aafachu barbaadani; tanaafi kara Waaqi d'uga namaa hereguuni ya didani.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Roomaa 10:3
34 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Atini d'uga qabda, ka gaargala nutiini d'ufte; ato nu ch'ubbu tolchinele, atini d'uga ch'alla gula deemte.


Duuba inni biyya dura d'ufe waan jed'u, Anini ya daba tolche, waan hamtu tahe, ammo Waaqi na baase.


Ee Waaqa, atini yayu waan mama tolchite, d'ugaani teetileeni guddo, gubbale ind'aqabdi. Nami aka keeti tokoleeni lafa keesa injiru.


AABBO Waaqi waan jed'u, Isani ka baafama barbaada nati d'uftani, na ch'aqasa. D'akha isani keesaa baatanifi boola isani keesaa qotani qaabad'a.


Gubba millad'a, lafale ilaala! Gubbaani aka aara badde, laftileeni aka woya ch'ich'ite, nami isii aka tiite hobaa. Ammo baafami, kiyya haga jiru jireenna taa, d'ugaani tiyya haguma jirtu imbaddu.


worri akuma waan raamooni nyaatte bada. Ammo d'ugaani tiyya haga jiru jireenna teete, baafami kiyya haga d'aloota ch'ufa taa.


AABBO Waaqi waan jed'u, D'ugaafi qajeeluma tolcha, wonti akanatiifi baafami kiyya ya d'iaate.


Isani waan tau jirtani kana dansaa seetani, ammo anini ch'eera keesani mullisa, waaqooti teesani ta d'ara suni dandeete isani inqarqaartu.


Nu ch'ufti nama dabaati, hujiini teenna dansaleeni ch'arqi t'uriti fakaati. Maro daba keennatifi nu baala mukha ka qanch'oorate, qilleensi fud'ate, fakaanna.


Jaalalaafi naasuuni AABBO Waaqa, ta ind'umne guyya ch'ufa inuma jirti.


Ganni torbatama maro torba ganna Waaqi aka gosa tanteetifi dira kanke qulqullo ch'ubbufi hameenna suni keesaa baasu fohate. Ch'ubbu namaa araaramani, d'uga haga jiru jireenna jirtule namaa kennani aka daayyafi fagiisi guutame Mana Waaqa qulqullo maro lameeso jaraani eebisani.


ufi na jibbisise aka anini worra lafa nyaapa worrati ergu na tolche, daba suni ch'ufa himate ira deebie; ammalle yo d'alooti keesani ufi diqeese, gati dabaafi ch'ubbu suni baase,


Ammo inni ufi d'ugeesu fed'e waan Yesoni jed'e, Oboleesi kiyya eenufa?


Ammo Yesoni waan worraani jed'e, Isani worra nama durati ufi d'ugeesu, ammo Waaqi garaa keesani imbeekha; wonti akanatiifi waan nami waan guddo wo namaa baatu sehu Waaqi woma insehu.


Wonti akanatiifi Odu Dansa keesa Waaqi kara inni d'uga nama hereguuni agarsiisa: karaani suni d'ugefacha ch'alla. Akuma t'aafiini jettu, Nami Waaqi maro d'ugefachatifi d'uga hereguufi injiraata.


Anini aka worri Waaqa guddo jaalatu d'uga intahaafi. Ammo beekha gulaaniti.


Ammalle Isayani guddo garaa jabaate waan jed'u: Worra na barbaaduti injirreti na arge, worra na ingaafanneti mullad'e.


Maani re? Gochiti Israeli waan barbaadde inarganne. Gumi diqo toko ta Waaqi fohateti waan barbaadde arge; jari kaani ch'ufti yaamicha Waaqati duudaa tahe.


Waaqi maro Yeso Kristo d'ugefataniifi nama ch'ufa d'uga heregaafi. Waaqi nama Kristo d'ugefate ch'ufa waan kana intolcha woldabraani injirtu:


ammo ammatana inni d'uga ufi garsiisa. Kara kanaani Waaqi aka d'uga qabu ufi garsiise ammalle nama Yeso d'ugefatu ch'ufa d'uga heregaafi.


Akuma nami hedduuni maro wollaala nama tokotiifi nama daba tolchu tahe, akasuma nami hedduuni waan nami toko Waaqa ch'aqaseefi d'uga argata.


Kristoni daba inqabu, ammo Waaqi maro teennaafi isaa daba tolche aka nu maro Kristotiifi d'uga Waaqa argannu.


Guddo ira nuu jirti, yo nu waan Waaqi jed'e kana aka dansaa garaa tokooni jabeesine guunne; innileeni nuraa gammada.


isaani takaa tahu. Anini ammatana d'uga nami Seera guutu argatu tokole inqabu. Anini amma d'uga ta d'ugefacha Yeso Kristotiini argatani qaba, d'uga Waaqa biraa d'uftu, ta d'ugefachaani argatani.


Maqaani kiyya Simoni Petro, anini hojattufi ergattu Yeso Kristo. Anini tatabe tana gara worra d'uga Waaqaatiifi ta Qarqaarsa Yeso Kristotiini d'ugefacha dansa aka teenna argateti t'aafa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ