10 Isani nyaattani quuftani, maro lafa gabbo inni isanii kenneefi AABBO Waaqa keesani galata deebiftani.
Ammo anaafi worri lafa tiyya eenu qara, ka nu dandeenne waan kana ch'ufa akana si baamnu? Wonti ch'ufti garuma keeti baati, nuleeni woma qara atini nu kennite sii kennina.
Ee lubbu tiyya, AABBO Waaqa faarsi, dansuma isaa iwollaaliini.
Waan lafti tante sii baaftu dadansa ch'ufa AABBO Waaqaa baasi, akasiini isa guddisi.
Haga anini sirba kana sirbe jaala kiyyaafi oobru isaa ta zabibu faarsu, na ch'aqasa: Jaali kiyya oobru zabibu qaba, ta gaara dansa gubba jirtu.
Amma isani waan guddo nyaattani quuftani, maqa AABBO Waaqa keesani, ka waan jabdu mama isani tolche, faarsitani. Deebiani gumi tiyya intufatani.
Duuba, Buuyo ira tataa biyyaani jed'e, qit'a shanifi qurt'umi lamaani taani guure, gubba olmillate, Waaqa galata deebise, duuba ch'ach'abse, qit'a kaani jara ufiti kenne; worri biyya qoode.
Taatule hobolooni d'ibiini Tiberia baate, fulla worri qit'a Aabbooni eebise iti nyaate d'ufte.
Nami guyya toko jaba sehu maro Aabbootiifi seha; nami waan ch'ufa nyaatuleeni maro Aabbootiifi nyaata, waan inni ato sagale suni inyaatini Waaqa galata deebisuufi. Nami sagale gari nyaachu diduleeni maro Aabbootiifi dida, innileeni Waaqa galata deebisaafi.
Duuba waan tolchitani ch'ufa, yo nyaattani d'uuddanile, maro guddinna Waaqaatiifi tolcha.
Eegi anini lafa aananifi dammi aka lola yaautini worra d'ufe, ta anini ababoota worrati kakhad'e, achiti sagale fed'ani ch'ufa argatani gabbatani. Ammo naraa gorani waaqa d'ibi kad'atani, na didani, wold'aqisa kiyya ch'absani,
Achiti isani imbeeloftani, yokhaani womafu ingaabitani. Lafa suni d'akhayeeni isii sibiila baafte, gaareeni isiile keesa sibiila diima qotani.
waan ch'ufa keesati galata deebisa. Wonti Waaqi isani ira fed'u tana, jireenna keesani ka Kristo keesa jiru.