Ato nama kud'ani keesa nami toko hafele, takacha sunile imballeesani; inni hunda mukha dambi ka murani fakaata. Ammalle akuma hunda suni worri Waaqaa ka d'ibiini late ga baha.
Bineensa tokole ka ufiini due inyaatina, nama gosa d'ibi ka isani keesa godaanu kenna, ha nyaatuti, yokhaani nama d'ibi alalle iti gurgura. Ammo isani ka AABBO Waaqa keesaniti; gumi isaati. Ilmoole haad'a hootu na ind'aabiina.
Inni gosa d'ibi ch'ufa, ta inni uume ira isani guddisa, isanileeni isa faarsitani maqa isaa guddiftani. Ammalle, akuma inni kakhate, isani gumi qulqullo AABBO Waaqa keesani taatani.
Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.