14 Gochiti tokoleeni ta aka keesani eeba akana tana argatu injirtu. Isani keesa nami namafi horiini isa maseenu injiru.
Inni worra eebise daraarse, hori worraale diqaachu d'owe.
AABBO Waaqi ka lafafi gubba uume isani eebisinna!
Ijoolleeni waan AABBO Waaqi namaa kennu; isiini eeba d'ugaa ta isa iraa argatani.
Anini isani eebise isani daraarse isani horsiise, wold'aqisa anini isani woliini tolfad'e gama kiyyaani jabeesa.
Waaqi waan Balamuni jed'e, Worra kana gula indeemini, ammalle worra Israelile falfalte inabaarini, wonti akanatiifi worri eeba tiyya qaba.
AABBO Waaqi isani horsiise, isani daraarse, ilmaani heddu, isanii kenne, loonifi mid'aani heddu lafa inni ababoota teesaniti kakhateti isanii kenna.
AABBO Waaqi isani eebise, nama taanaani mid'aani oobru taanaani, loonifi ree taanaani isanii horsiisa.
AABBO Waaqi waan ch'ufa keesa isani horsiisa; isani ilmaani heddu d'altani, looni guddo horattani, mid'aani guddole oobru teesani ira argattani. Inni akuma gammaddani ababoota teesani horsiise isanile horsiisa,
Ee Israeli, isani gammachu akami qabdani! Gochiti aka teesani tokoleeni injirtu ta AABBO Waaqi baase. Wonteefi goraadeeni teesani, ta nyaapa isani ira d'owarte isani dabsachiiftu AABBO Waaqa. Nyaapi keesani, lubbu nu baasa jed'e isani kad'ata, ammo isani ira ejaanjaattani.