Amma wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka harkaafi adda teesani iraa mullatu, ammalle ha qaabacha jiddu teesani jirtu taatu, aka dubbini AABBO Waaqa garaa keesani keesaa imbaane; wonti akanatiifi AABBO Waaqi harka isaa jabaani lafa Misiri keesaa isani baase.