Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Qaabacha Seera 6:2 - KITAABA WAAQA

2 Haga jirtani isanifi ilmaani teesanifi d'alooti keesanileeni ch'ufti. AABBO Waaqa keesani guddiftani aadaafi, seera isaa, ka anini isanii kennu kana, guutuu maltani, aka lubbuuni teesani lafa suni irati d'eerattu.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Qaabacha Seera 6:2
37 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Anini isa yayu fohad'e, aka inni ilmaani isaatiifi ababoota isaa gorse, aka worri na ch'aqase waan dansaafi ka qajeela tolchu. Yo worri waan kana tolche, anileeni waan Abrahamuu Intolcha jed'e ch'ufa intolchaafi.


Isiini waan jetteeni, Woma tokole much'a intolchini, aka atini Waaqa sodaatu ya arge, waan atini much'a kanke tokocha na ind'owiiniifi.


aka worri kanke, hojja lafa atini ababoota worraati kennite keesa tau, si ch'aqasu.


Waaqi waan namaani jed'e, sodaani Waaqaa qarooma, ch'ubbu lakisitini hubacha.


Nami qalbi horachuu fed'u qaraa fiit'e AABBO Waaqa sodaachuu male. Nami gorsa isaa gula deemu ch'ufti qalbi dansa argata. Haga jiru jireenna ha isaa faarsani.


Ayyaana isaati, ka AABBO Waaqa sodaate kara isaa gula deemu.


Anini lubbu worraa d'eerese, baafama kiyya garsiisa.


Abbeetiifi haateti saalfad'i, aka lafa AABBO Waaqi sii kenne keesati lubbuuni tante d'eerattu.


Jennaani Musani waan biyyaani jed'e, Insodaatina; wonti akanatiifi Waaqi isani laalu d'ufe, aka isani isa sodaatani ch'ubbu intolchine.


Nami Waaqa jaalate saalfatufi araarsa isa ira argata; nama AABBO Waaqa sodaatuti ch'ubbu iraa gora.


Qaroomi lubbu si d'eerese horifi ulfinnale sii kenna.


Eegi waan kana ch'ufa jecha toko ch'allati hafa: Waaqa sodaad'i, seera isaa gula deemi; wonti akanatiifi wonti nama iraa fed'ani tana.


Anini herega toko ch'alla worraa kenne: aka hojja ch'ufa dansuma ufitifi ta ilmaani isaaniti jed'ani na sodaatani.


Anini AABBO, Waaqa keesani, aadaafi seera kiyya jabeesa guuta, gula deema.


Ammo nama sodaachu malani anini isaniti hima; Waaqa sodaad'a, ka eegi nafa ijeese jabeenna ibida keesa buusuuni qabu. Ee, waan anini isaniini jed'u, sunuma sodaad'a.


AABBO Waaqa keesani sodaad'a, isuma ch'alla kad'ad'a. Isa biraa indeemina, maqa isaa ch'allaani kakhad'a.


Duuba ganna heddu lafa aananifi dammi aka lola yau keesa teetani lafa AABBO Waaqi ababoota teesanifi ilmaani isaaniti kakhate.


AABBO Waaqa sodaad'a, gula deema, dubbi isaa ch'aqasa, seera isaa guuta; isa hojad'a, biraa indeemina.


Yo isani dubbi isaa gula deemtani, waan anini arra isaniini jed'u kana ch'ufa aka dansa guuttani, worra keesani keesa deegi injiru.


Ilmaani fud'ad'a ammo haad'a gad'iisa, aka wonti ch'ufti isanii tolte guyyaani keesani d'eeratu.


Tanaafi anini amma waan kana lamaani wolbira isani qaba, duafi jireenna, eebaafi abaarsa, aka lafafi gubbaleeni d'uga isanii taatu. Tanaafi jireenna fohad'a, aka jiraattani.


AABBO Waaqa keesani jaalad'a, isaa saalfad'a, iraa ingorina: duuba, yo akasi taatani, isanifi ilmaani teesani, lafa AABBO Waaqi ababoota teesani Abrahamufi Isaaqofi Yakobo inkenna jed'e kakhate, keesati lubbuuni teesani d'eeratti.


waan guyya isani AABBO Waaqa keesani gaara Sinaiti dura ejitani iti hima. Inni gaafasi waan naani jed'e, Biyya wolti baasi, anini worra waan anini jed'uuni d'agayu fed'a, aka worri waan anini jed'uuni kana barate, jabeese, ilmaani worrale aka isiini na sodaatu barsiisu.


Aadaafi seera isaa, ka anini arra isanii kenne kana ch'ufa d'ugeefad'a, duuba isanifi ilmaani teesanileeni nagayaani teetani. Ammalle isani lafa AABBO Waaqi keesani isani kennu tana haga jiru jireenna keesa teetani.


Kurfefad'a, eega! Aka dansaa mid'aafad'a, aka waan ilaani gartani kana haga jirtani indeene. Ilmaani teesaniifi ilmaani ilmaani teesanile,


Abbeetifi haateti saalfad'u, aka anini AABBO Waaqi, kanke sini jed'u, aka atini lafa AABBO Waaqi sii kenne tana keesa nagayaani teete, lubbuuni tetileeni d'eerattu.


ch'ufa guuta, aka wonti ch'ufa nagaya isanii taate, isani lafa amma iti qubachu geetani tana keesa teetani.


Tunini aadaafi seera AABBO Waaqi keesani worra kana barsiisi, gorsi naani jed'e. Lafa isani amma tana fud'atani iti qubachuu geettani tana keesati jabeesa guuta.


Jennaani AABBO Waaqi keenna seera kana ch'ufa guuta na sodaad'a jed'e nu barsiise. Yo akasi taane, inni nu tisse, nu qorqorate, badi nu d'owe nu duroomsa.


Ilmaani teesani aka dansaa dubbi tana barsiisa. Worra keesa taanaani, ala taanaani, yo raftanifi yo kaatanile qaabsisa.


Akanaani nami lafa gubba jiru ch'ufti, aka AABBO Waaqi jabaa beekha; duuba haga jiru jireenna AABBO Waaqa d'eetani.


Hojja Waaqa, ka nama ch'ufa waan inni tolche gula aka taka qoru kad'attani, Aabbo jettaniini; tanaafi haga lafa tana keesa jirtani isa sodaachu maltani.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ