18 Waan dansaafi qajeeltu AABBO Waaqi tolcha jed'u, tolcha, duuba wonti ch'ufti isanii tolti. Ammalle lafa gabbo AABBO Waaqi ababoota teesani kakhate dandeetani fud'atani iti qubattani,
Isiini ana, hojattu tanteeti, gorsa taati, yo anini jabeesele woi naa baati.
waan jed'e, Yo isani AABBO Waaqa keesani d'ageetani waan inni fed'u guutani waan d'uga tolchitani seera isaa jabeesitani, anini d'ukuba worra Misiritiini d'ufe suni tokoleeni isani ingaargalchu. Wonti akanatiifi anini AABBO Waaqa, ka isani fayyisu.
Nami d'ugaa ingammada, wonti ch'ufti intoltifi. Worri waan hojate iraa wo argata,
Ee AABBO Waaqa aka anini garaa tokooni si hojad'e si saalfad'e woma atini feetu ch'alla tolche qaabad'u akasi jed'e aka hama bohe.
Ammo isani na gaafatani waan jettani, Ilmi maafi ch'ubbu abbaani tolche jed'e ingaargalle? Wonti inni akasi intaaneefi waan inni waan d'uga qajeela gula bahe, aadaafi seera kiyya guuteefi tanaafi inni lubbu bula.
Yo ch'ubbichi ch'ubbu iraa deebie, seera kiyya guute, waan d'ugaatifi ka qajeela tolche, inni induu, injiraata.
Hojja ch'ubbichi daba lakise waan d'uga qajeeltu tolchu, inni lubbu ufi baasa.
Yo nami qajeelani d'uga gula deemu jiraate,
Yo anini nama ch'ubbichani, Atini indoota jed'e, ammo inni ch'ubbu suni iraa deebie waan d'ugaa ka qajeela tolche —
Anini ch'ubbu inni tolche inaraaramafi, innileeni maro waan d'ugaa ka qajeela tolcheefi injiraata.
Ammalle hojja ch'ubbichi ch'ubbu ufi lakise waan d'ugaa ka qajeela tolchu, inni lubbu ufi baasa.
Nami qalbi qabu ha dubbi tana hubate, nami qaroleeni ha beekhuti. Karaani AABBO Waaqaa qajeela, nami qajeelani kara suni gula deema, ammo nami daba keesati gufata.
Ammalle nama na erge nu wolumaani jirra; inni kobati na illakisu, waan anini guyya ch'ufa waan isaani gammachiisa ch'alla tolchuufi.
Aada lafa tana jaalattani gula indeemina, ammo ha Waaqi garaa keesaniifi qalbi teesani jijiruuti. Yoosi fed'i Waaqa barattani, waan dansa, ka isa gammachiisa, ka qit'e.
Yo isani seera kana guutani, AABBO Waaqi gammade, wonti ch'ufti isanifi ilmaani teesani tolti.
Dubbi anini isaniti hime tana ch'ufa jabeesa, aka wonti ch'ufti isanifi ilmaani teesani toltu haga jiru jireenna, yo akasi taatani isani waan dansa, ka d'uga fuula AABBO Waaqa keesani durati tolchitani. Akasiini isa gammachiiftani.
hojja isani qonqo isaa d'ageetani, seera anini arra isanii kenne guutani, waan isaa durati qajeeltu tolchitani.
Aadaafi seera isaa, ka anini arra isanii kenne kana ch'ufa d'ugeefad'a, duuba isanifi ilmaani teesanileeni nagayaani teetani. Ammalle isani lafa AABBO Waaqi keesani isani kennu tana haga jiru jireenna keesa teetani.
Ato sila worri yo ch'ufa akana arge! Ato sila worri naa saalfate, seera kiyya ch'ufa jabeese guute, wonti ch'ufti worraafi ilmaani isaanile haga jiru jireenna nagaya taati.
ch'ufa guuta, aka wonti ch'ufa nagaya isanii taate, isani lafa amma iti qubachu geetani tana keesa teetani.
Akuma AABBO Waaqi keesani ababoota teesani Abrahamufi Isaaqofi Yakobooti kakhate, akuma suni inni lafa dira gugurda dadansa, ka isani iniijaariini, isanii kenna.
nyaapa keesanile akuma inni khakhate ufi duraa baaftani.
Eegad'a, aka AABBO Waaqa keesani indeene; seerafi aada isaa ta anini ara isanii kenne tana guutu illakisina.