4 Achi gaara irati AABBO Waaqi akuma isani isa agartani ibida keesaa isaniini dubbate.
Ammalle AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Anini baldo dumansaa keesa siti d'ufa, aka biyyiti aka anini siini dubbad'u d'ageete haga jiru jireennale si d'ugeefattu. Musani dubbi worra suni AABBO Waaqaati hime
Waaqi dubbi tana dubbate waan jed'e:
AABBO Waaqafi Musani akuma jaallowaani lamaani woliini haasooftu woli dura ejaanjani woliini haasani. Duuba Musani kae ollati deebia, ka nami isa jala hojatu ka Yoshua ilma Nuni jed'ani Waaro keesati hafe.
Tanaafi anini yo isaani dubbad'u mammaasaani woiti inhimu, ammo diideese afaanuma kiyyaani iti hima. Inni ya iluma ufitiini aka anini jiru arge. Isani akami re hojatu tiyya Musa hameenna isaa dubbatani?
worri nama lafa tana keesa tauti hima. Worri kunini qara yayu d'agaye, ee AABBO, aka atini nu woliini jirtu, ammalle aka dansaa hojja dumansi kanke nura tau, ammalle aka atini baaldo dumansa keesa guyya nu dura deemte, goola ibida keesa halkani nu dura deemtu si arga.
Raagi aka Musa taka gosa Israeli keesati ind'alanne ka AABBO Waaqaani woli argani woldubbatani:
Ammalle aka AABBO Waaqi ibida keesa isaaniini dubbate, ammo ka isani, dubbi isaa male waan isa fakaata tokole inarginile ch'ufa iti hima.
Gaafa AABBO Waaqi ibida keesa gaara Sinai irati isaniini dubbate, isani waan isa fakaata tokole ingarre. Tanaafi ira jirti teesaniifi aka dansaa mid'aafad'aa hubad'a,
Nami tokoleeni, ka Waaqa ibida keesa dubbate, aka isani d'ageetani kana d'agaye lubbu bulle injira?
Inni qonqo isaa gubbaa isani d'ageesise, aka akasiini woi isaniti himu, lafa tana iraleti ibida isaa qulqullo isani garsiise ammalle ibida suni keesaa isaniini dubbate.
Tunini seera AABBO Waaqi gaafa isani fulla gaarati wolti baatani isanii kenne. Gaafa inni qonqo jabduuni ibidaafi, dumansa guddafi dukana guddo keesa isaniini dubbate, inni seera kana isanii kenne kad'ibiniti. Duuba inni seera kana d'akha hahafalicha lamaani irati t'aafe nati kenne.