Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Qaabacha Seera 5:25 - KITAABA WAAQA

25 Duuba amma nu maafi doona? Ibida jabaani kunini nu balleesa. Yo nu qonqo AABBO Waaqa keenna maro d'ibi d'ageenne, nu indoona.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Qaabacha Seera 5:25
12 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Inni waan jed'e, Anini ejata kanke oobru keesati d'agaye, aka qulla deemu ufi arge, duuba sodaad'e d'okhad'e.


Duuba nami ch'ufti mandisufi angaasufi qonqo magalatatiifi aara gaara keesaa kau arginaani sodaate hollate, gaara ira fago ejaanjani


waan Musani jed'ani, Atini nuuni dubbad'i, nu si ch'aqamna, ammo Waaqi ch'allaani nuuni indubbatiini; yo inni nuuni dubbate nu inhobaana.


Worri Seera guutiti heregatu ya abaarame. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Nami waan Seera keesati t'aafani ch'ufa gula indeemne ya abaarame jetti.


Gaafa isani fulla gaara Sinaiti wolti baatani Waaqa kad'attani, waan jettani, Nu qonqo AABBO Waaqa keenna deebine ind'agayiini, yokhaani ibida gudda akana kana deebine inargini; wonti isani akasi jettanifi, duu sodaattani.


Duuba AABBO Waaqi waan naani jed'e, wonti worri jed'e d'uga.


AABBO Waaqi gad'ufe; aka adu lafa Edomuti bahe, gumi isaa gaara Parani iraa iti ifse. Malaikaani qulqullooni kuma kud'ani isa woliini jirti, harka isaa ka mirga bobaa ibidati jira.


waan jettani, me ilaala, AABBO Waaqi keenna ya guddinnaafi jabeenna ufi nu agarsiise, qonqo isale ya ibida keesaa d'ageenne: Nu arra Waaqa namaani dubbate nami ira hafe jiraate la agarre.


iyani magalatatifi qonqo Waaqa iti ind'umne. Gumiini qonqo d'ageennaani aka deebiani qonqo akasi ind'ageenne kad'atte.


wonti akanatiifi Waaqi keenna ibida wo balleesu.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ