23 Ammalle gaafa isani qonqo dukana keesa d'ageetani, ka gaara suni ibidi ira bobau, isani nami gugurdaani mata gosa teesani d'uftani nati d'iaattani
Gaafa isani fulla gaara Sinaiti wolti baatani Waaqa kad'attani, waan jettani, Nu qonqo AABBO Waaqa keenna deebine ind'agayiini, yokhaani ibida gudda akana kana deebine inargini; wonti isani akasi jettanifi, duu sodaattani.
Tunini seera AABBO Waaqi gaafa isani fulla gaarati wolti baatani isanii kenne. Gaafa inni qonqo jabduuni ibidaafi, dumansa guddafi dukana guddo keesa isaniini dubbate, inni seera kana isanii kenne kad'ibiniti. Duuba inni seera kana d'akha hahafalicha lamaani irati t'aafe nati kenne.
waan jettani, me ilaala, AABBO Waaqi keenna ya guddinnaafi jabeenna ufi nu agarsiise, qonqo isale ya ibida keesaa d'ageenne: Nu arra Waaqa namaani dubbate nami ira hafe jiraate la agarre.
Jennaani anini ka d'akha hahafalicha lamaani kaani ka wold'aqisa irati t'aafani harkaa qabu gargale, gaara iraa gabue. Hojja suni gaari sunini gubachu jira.