23 Anini gaafasi guddise Waaqa kad'ad'e waan jed'e,
AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Beeni, gaara Abarimu kori, lafa anini worra Israeliti kennu dawaad'i.
Worra ind'eetina, wonti akanatiifi AABBO Waaqi keesani isanii kalcha.
AABBO Waaqa, gudda, anini imbeekha aka wonti atini na garsiiftu kunini iti keeyacha waan gugurdo nama mamsiisa, ka atini takaa tana tolchitu. Waaqi tokoleeni, ka waan guddo mama aka atini tolchite kana tolchu, gubbaafi lafale injiru!