21 Wonti anini gaafasi Yoshuani jed'e tana: Atini yayu waan, AABBO Waaqi kanke hayyoota tana lamaani tolche agarte; duuba akuma kana AABBO Waaqi lafa isani haatani fud'attani ch'ufa tolcha.
Nami si beekhu, ee AABBO Waaqa, si d'ugeefata; nama siti d'ufu tokole atini indiddu.
Inni gaargala duisa kana keesaa nu baase, hegerile nu baasa; nuleeni abdi teenna isa ira keyanne aka inni ammalle nu baasu,
Anini laafinnafi arabaafi d'ibafi d'ipufi gargala maro Kristotiifi indidu. Wonti akasitiifi yo anini laafa anini guddo jabaad'a.
Gara isa, ka dandae waan nu kad'annu ira nuu kennu yokhaani waan nu herennule ira, maro jabeenna nu keesa hojatuufi:
haga AABBO Waaqi oboleyaani teesani teeso, aka isanii kenne kennuufiti, worrileeni lafa suni, ta Yordanini gama, ta AABBO Waaqi kennuufi suni fud'atuti. Duuba isani nami ch'ufti, d'aala anini isaanii kenne taaniti deebitani.
Worra ind'eetina, wonti akanatiifi AABBO Waaqi keesani isanii kalcha.
Gaargala hama isani ila teesaniini gartanifi waan jabdu ka mamatiifi irreefi harka jaba AABBO Waaqi isaaniini baase qaabad'a. Akuma inni worra Misiri gaafasi balleese, akasuma worra isani sodaattani kana ch'ufale balleesa.
Duuba waan jara isaatini jed'e, Insodaatiina, garaa ilaafina: ammo garaa jabaad'a, wonti akanatiifi AABBO Waaqi akanuma nyaapa keesani ch'ufa tolcha.