10 Tanaafi dubbi isaa ch'aqasa, seerafi aada isaa, ta anini arra isanii kennu, guuta.
Isani qit'e tahu maltani, akuma abbaani keesani ka gubba qit'e.
Hiyo akasiniti; AABBO Waaqi waan dansa nu tolchuu malle ya nuti hime. Wonti inni nuraa fed'u tana: aka waan d'uga qajeeltu tolchani, jaalala ind'umanne nama garsiisani, ufi saadu lakisani Waaqa woliini taani.
AABBO Waaqa keesani jaalad'a, guyya ch'ufa dubbifi gorsaafi aadaafi seera isaa guuta.
Gochiti ch'ufti Waaqa ufii kad'atte gula yaati, ammo nu gama keenna AABBO Waaqa keenna haga jiru jireenna kad'anne gula yaana.
waan atini gumi Israelini jettu, qulqullo taha, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi keesani, Waaqa qulqullo.
Jennaani Musafi qaaloleeni gosa Lawi waan gumi Israeli ch'ufaani jette, gumi Israeli, ch'allisa, ch'aqasa. Arra isani ya gumi AABBO Waaqa keesani taatani.
Jennaani Musani waan worra Israelitini jed'e,
Arra ya AABBO Waaqa keenna jettani himattani; ammalle nu ya AABBO Waaqa gula yaane, seerafi aada isaa guunne, dubbi isa gula yaane jettani.
Arra AABBO Waaqi ya gumi ufii isani tolfate, akuma inni duri kakhate; ammalle inni, seera kiyya ch'ufa guuta isaniini jed'a.