Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Qaabacha Seera 26:8 - KITAABA WAAQA

8 Inni harka isaa jabaani lafa Misiri keesaa nuu baase, waan mamatiifi ka mamisa tolche, nama sodaachise mudamsiise.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Qaabacha Seera 26:8
15 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Worri Israeli Ramesesi godaane lafa Sukothitini bahe. Worri nami d'iira ka miilaani yae nama kuma d'ibba jaa, ka nad'eenifi ijoolleeni keesa injirre.


Ganni d'ibba afuritiifi sodoma hobaanaani gumiini AABBO Waaqa ch'ufti lafa Misiri keesaa godaante.


Guyyuma suni AABBO Waaqi gumi Israeli lafa Misiri keesaa baase.


Musani waan gumiini Israelitini jed'e, Guyya kana ka isani lafa Misiri boola tissooma keesaa baatani, ka AABBO Waaqi harka ufitiini lafa suni keesaa isani baase qaabad'a; qit'a bukho qabu inyaatina.


Duuba waan worra Israelitini jettu, Anini AABBO Waaqa; anini huji hamtu gosa Misirii keesaa isani fuud'e, tissooma worrale keesaa isani baase, harka kiyya d'eerefad'e worra suni balleese isani baasa.


AABBO Waaqi, ka irre isaa guddooni waan jabdu Musa tolchisise, bisaani baariini gargari kute, gumi isaa bisaani qile taakisiise, akasiini haga jiru jireenna gurra baafate, me? AABBO Waaqi worra dura deeme, worrileeni aka farda lafa aloo ka ingufanne yae.


Waan mamatiifi akheekha woitini nyaapa keenna mudamsiifte, jabeennafi irre teetiini gumi tante ta Israeli lafa Misiri keesaa baafte.


raagi tokoleeni ka akheekhafi waan mama tolche, ka aka AABBO Waaqi Musani hayyu Misiritiifi hojattu isaatiifi lafa isale ch'ufa durati Tolchi jed'eeni injiru.


Raagi tokoleeni ka waan mama jabdu Musani gosa Israeli ch'ufa durati tolche tolchu injiru.


Waaqi tokoleeni, ka taka deeme nama lafa d'ibi keesaa fuud'e nama ufii tolfate, aka AABBO Waaqi keesani isani lafa Misiri keesaa fuud'e injira? Ila teesani durati inni irre isaatiifi jabeenna isaatini gaargala lolaatiini d'ufe, waan taka nami arge ind'agayinifi waan mama tolche, waan nama sodaachisa heddu tolche.


Qaabad'i, aka atini duri lafa Misiri keesati tisse taate ammalle anini AABBO Waaqi kanke jabeenna kiyyafi humna tiyyaani si baase. Tanaafi anini guyya Sabato jabeesi siini jed'a.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ