3 Duuba qaallicha guyya suni huji harkaa qabu gara isaa d'aqa waan jettani, Nu arra AABBO Waaqa keennati himna, aka lafa inni ababoota teennati kakhate fud'anne iti qubanne.
Lafa amma atini iti keessuma tana anini sifi ilmaani teeti kenna. Lafti Kanaani ch'ufti ta ilmaani teeti taati haga jiru jireennale, anileeni Waaqa worraa taha.
Arma tai, ani si woliini jiraad'e si eebisa. Lafa tana ch'ufa sifi ilmaani teeti kenna. Anini kakhu Abrahamu abba kanketi kakhad'e inguuta.
Lafti tunini ch'ufti lafa anini AABBO Waaqi ababoota teesani Abrahamufi Isaaqofi Yakobofi ilmaani worrale ch'ufa inkenna jed'e kakhad'e; d'aqaa iti qubad'a.
Worri sunini lachu ha AABBO Waaqa dura d'ufuti, aka qaaloleefi jaallabi, ka gaafasi huji harkaa qabu, dubbi worra ilaaltu.
nami keesani ch'ufti mid'aani qara inni muratu dadu keesa kaye, fulla AABBO Waaqi keesani fohate, ta iti kad'atani taani, ha geesuti.
Duuba qaallichi kaani dadu isani iraa fuud'e fulla sorio AABBO Waaqa iti baasani taani dura kaya.
Nu qaallu gudda, ka Mana Waaqa qorqoratu qamna.
Waan kanaafi nu hojja ch'ufa faaru teenna aka sorio Waaqaa baasu malle, maqa Yesotiini; akasi jechaani hojja ch'ufa qonqo teennaani maqa isaa faarsina.
Yesoni duuba Qaallu Gudda, ka fed'i teenna ch'ufa nuu guutu! Inni qulqullo, wollaalafi daba tokole inqabu; isa ya worra ch'ubbutiini gargari basaani, gubbati olgeesani.
Aka d'akha jiru koota, aka mana lubbutiini isani jaarani, aka qaalole qulqullo taatani, sorio dansa ta Waaqi fed'u Aabbo Yeso Kristo keesa baaftani.