Akuma hid'aani nama qabdu, akasuma anini worra Israelitiifi ka Yuda ka jabeese na qabu fed'a. Wonti anini akasi tolcheefi, aka worri gumi tiyya tahe gurra dansaafi ulfinna natiini d'ufu; ammo worri na inch'aqamne.
Ammo amma waan d'ossani suni ya mullisani t'aafi raagoota gula; ammalle seera Waaqa ka haga jiru jireenna tau gula ya gosa ch'ufa beesisani, aka nami ch'ufti d'ugefate ch'aqasu.
Yo isani AABBO Waaqa keesani saalfattani seera isaa ka anini arra isanii kennu kana garaa tokooni jabeesitani, inni gosa d'ibi lafa keesa jirtu ch'ufa ira isani guddisa.
Ammo isani gosa Waaqi fohate, qaalole hayyuti, gosa qulqullo, gumi Waaqaati, ta aka huji Waaqa ta mama odeesitaniifi fohatani, ka dukana keesaa ifsa isaa ka mamaati isani yaame.