Qaabacha Seera 26:14 - KITAABA WAAQA14 Nu gaafa bone taka qooda suni inyaanne yokhaani mana keenna keesaale taka infuune, gaafa qulqullo intahini; ammalle nu taka nama due jenne qooda suni keesa fuune d'ibaayu imbaamne. Nu ya dubbi AABBO Waaqa keenna ch'aqamne. Nu waan atini tolchi nuuni jette ch'ufa ya tolchine. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Ammo raagafi nama waan oobju himu ka akasi suni ijeesa; wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti taatani keesaa isani baase, iraa gora jed'e isani barsiisa. Nami akasi suni hama, kara AABBO Waaqi keesani keesati bulla isaniini jed'e iraa isani gorsu fed'a. Tanaafi isaa ijeesuu maltani, aka waan hamtu akasi ufi keesaa baaftani.