2 jaaroleefi jaallabooti teesani ha d'ufte, fulla reefa iti argani sunifi haga dira d'aatu suni jira ch'ufa fageenna isaa ha biimituti.
Yo lafa AABBO Waaqi isanii kennu keesati reefa namaa ka diiduma keesa ch'iisu, ka nama isa ijeese imbeenne argitani,
Duuba jaaroleeni diri isaani dira kaani ch'ufa ira reefa suniti d'iaatu ha goromsa looni, ka taka ileenjisini, fuute,