31 Jennaani AABBO Waaqi waan naani jed'e, Ilaali, anini yayu hayyu Sioni jed'anifi lafa isale isani durati irre d'owe, lafa isaa fud'ad'a, iti qubad'a.
Lafti tunini ch'ufti lafa anini AABBO Waaqi ababoota teesani Abrahamufi Isaaqofi Yakobofi ilmaani worrale ch'ufa inkenna jed'e kakhad'e; d'aqaa iti qubad'a.
Eegi nu Moabu keesa dabarre, AABBO Waaqi waan nuuni jed'e Amma kaa, galaana Arnoni taaka. Anini Sioni, hayyu Amori, ka Heshboni jed'anifi lafa isale harka keesaniti kenna. Isaa had'a, lafa isaa fud'ad'a, iti qubad'a.
Ammo hayyuuni Sioni jed'ani aka lafa isaa keesa dabarru nu gadi ind'iimne. Wonti akanatiifi AABBO Waaqi, keesani ya garaa isa jabeese, nama woi didu isa tolche, aka akasiini isa dabsanne lafa isaa fud'anne iti qubannu.
Sihonini nama isaa ka lola ch'ufa fud'ate, d'aatu dira Yahesa nu had'u d'ufe.