21 Worrileeni akuma worra Anaki d'ed'eera. Worri heddu, ammalle d'aloota jajaba. Ammo AABBO Waaqi worra balleese, worri Amori lafa worra fud'ate keesa tae.
Nu achi iyyaanu, insodaanna worri nu ergine waan nuni jed'e, worri lafa suni worra jajaba d'ed'eera, haga arba gagahu, ka dira worrale naabo isaa d'akhaani marsani waaqati d'aabani jaarani.
(Lafa tanale Refoimu jed'ani, maqa worra duri achi keesa tau gula; worri Amori worrani Zamzuni jed'a.
AABBO Waaqi worra Edomu, ka d'aloota Esaule, ka lafa gaareeni ta Edomu keesa taau, ya akasuma tolcheefi. Inni worra Hori balleese jennaani worri Edomu lafa worraa fud'ate, keesa tae, fulla worri arrale jiru.
(Gosa Refai keesa nami hafe hayyu Ogu. Sire isaa ta sibiilani mid'aasani, d'eerinni d'und'uma sagali, balinni d'und'uma afuri aka biima gaafasi gula. Sire suni haga arrale lafa gosa Amoni dira Raba keesaati dandaani argani.)
Atini amma lafa suni deefachu feeta? Atini waan waaqi kanke Kemoshini si kenne ch'ufa fud'adi woliini tae nuleeni waan ch'ufa ka AABBO Waaqi keenna nu keennu fud'anne woliini teenna.