Qaabacha Seera 13:5 - KITAABA WAAQA5 Ammo raagafi nama waan oobju himu ka akasi suni ijeesa; wonti akanatiifi inni AABBO Waaqa, ka lafa Misiri fulla isani tisse iti taatani keesaa isani baase, iraa gora jed'e isani barsiisa. Nami akasi suni hama, kara AABBO Waaqi keesani keesati bulla isaniini jed'e iraa isani gorsu fed'a. Tanaafi isaa ijeesuu maltani, aka waan hamtu akasi ufi keesaa baaftani. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
worra lachu ha dira keesaa alati baasani, d'akhaani d'aanani ijeesaniti. Wonti intala ijeesaniifi, waan isiini, ato dira keesa jirtu, ka nami d'aatu miju, iyyu diddefi. Ammalle wonti namicha ijeesaniifi, waan inni intala qaraa nami d'ibi fuud'aa kennani buufatefi. Akanaani hameenna akasi duraa baatani.