Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Qaabacha Seera 12:3 - KITAABA WAAQA

3 Fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu, aka worri old'ad'aabe ch'ufa, ch'ach'absa. Akheekha waaqa worra ka Ashera jed'ani gubaa waan worri boch'e aka waaqa kad'atu gargari ch'ira, aka deebiani fulla suniti inkad'anne.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Qaabacha Seera 12:3
25 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

AABBO Waaqi worra Israeli d'ae worri aka ilaadu galaana keesati baatu daaqa. Inni worra lafa dansa ababoota isaaniti kenne tana keesaa fuud'e galaana Efrati gama suniti firfirsa, waan worri akheekha waaqa d'ara ka Ashera jed'ani mid'aafate isa dallansiisefi.


Inni akko isaa Maaka, guddinni isiini qabdu ka hayyuma, iraa fuud'e, wonti akanatiifi isiini akheekha waaqa hama ka Ashera jed'ani mid'aasite. Inni akheekha suni ch'ach'abse, laga Kidroni keesati gube.


Jennaani biyyiti ch'ufti mana Baali d'at'e ch'ach'absite; worri fulla sorio irati baasanifi waan boch'ani kad'atanile ch'ufa ch'ach'absani balleesani qaallicha Baali ka Maatani jed'anile waan sorio irati baasani durati ijeesani. Jennaani Yehoyadani nama Mana Waaqa eegu tolche,


Inni fulla Waaqa d'ara iti kad'atani ta gaareeni balleese, d'akhaye old'ad'aabani ch'ach'abse, akheekha waaqa Asherale ch'ach'abse. Inni ammalle bofa Musani sibiila diimani mid'aase, ka Nehushtani jed'ani, ch'ach'abse. Worri Israeli duri bofa suni hit'aana aarsefi guddise, haga guyya ch'ach'absani suni.


Hayyu Yosiani d'akha aka utuba old'ad'aabani kaani ch'ach'abse bulleese, akheekha waaqa Ashtorethi jed'ani kaani ch'ire duuba fulla akheekhi kunini qara jiru kaani lafele namaatiini guute.


Asani waan d'uga dansa tolche AABBO Waaqa gammachiise.


Inni waan Waaqa d'araati irati sorio baasani guure, d'akhaaye aka utuba d'ad'aabani ch'ach'abse, akheekha Waaqa Ashera jed'ani ch'ire balleese.


Ammo ato atini akasile taate, dansumti diqooni toko siuma keesa jirti. Atini Waaqa d'ara, ka Ashera jed'ani, ya lafa keesaa balleesite haga dandeetu Waaqa d'ugaa barbaadde.


Eegi jilti sunini ch'ufti dabarte, worri Israeli ch'ufti dira Yuda ch'ufa d'aqe d'akhaaye old'ad'aabani ch'ach'abse, akheekha waaqa d'ara ka Ashera jed'ani ch'ire, fulla sorio iti qalanifi ta waaqa d'ara iti kad'atanile balleese. Akasuma lafa Yuda ch'ufafi ta Benjaminitifi ta Efraimutifi ta Manase keesati tolchani, kaani worra ufiti galani.


Ganna saddeeteeso ka hayyuma Yosia, ka inni gaafasile ijoolluma qabu, inni Waaqa ababo isaa Daudi kad'ate arti asi gula deeme. Ganna kud'ani lameeso ka hayyuma isaa, inni fulla waaqa d'ara iti kad'atanifi akheekha waaqa Ashera jed'anitifi akheekha waaqa d'ara d'ibile ch'ufa lafa keesaa balleesiti iti kaye.


Worri waaqoota d'ibi gula oriu gaargala heddu ufitiini d'ufa. Anini d'iiga worri d'ibaayu baasu keesa injiru; waaqoota worrale maqa d'ae inkadad'u.


Waan ch'ufa ka anini, AABBO Waaqi, jed'e ch'aqasa, waaqoota d'ibi tokole inkad'atiina, maqa isaanile ind'aiina.


Waaqoota worraa durati jilbifattani inkad'atiina, ammalle aada worrale gula iyyaiina. Waaqoota worraa ka old'aabani sule ch'ach'absa balleesa.


Ammalle fulla worri sorio iti qalu balleesi, waan worri arti old'ad'aabufi akheekha waaqa worraa ka Ashera jed'ani ch'a ch'absi balleesi.


Ammo hojaani Israeli daba araaramani, hojja d'akha sorio waaqa d'araati irati baasani ch'ach'absani daara tolchani. Ammalle waan hit'aani irati aarsanifi akheekha waaqa Ashera jed'ani balleesani ch'alla.


Worri keesani fulla sorio waaqa Ashera jed'ani iti qalanifi fulla akheekha isaa old'aabani, ka mukeeni gugurdofi kubileefi.


Ammalle AABBO Waaqi waan jed'u, Anini deebie aka isiini maqa Baali d'ooftu diqole ee injed'u.


Anini akheekha waaqa Ashera jed'ani, ka lafa teesani keesa jiru, ch'ach'abse dira keesani balleesa.


Gaafasi anini maqa waan harkaani boch'ani kad'atani kaani lafa keesa balleesa, nami tokoleeni deebie inqaabatu. Anini ammalle nama raaga ufi tolchufi herega waan boch'ani kad'ataniini kad'atani lafa keesaa balleesa.


nama lafa suni keesa jiru ch'ufa keesaa gussuu maltani. Waan worri kad'atu ka d'akhaafi Sibiilani mid'aasanifi fulla worri iti kad'atu ch'ufale balleesa.


Kara worri waaqa ufiitini kad'atu, isani AABBO Waaqa keesani inkad'atiina.


Waan worri boch'e aka waaqa kad'atu ch'ufa guba balleesa. Qarsifi worqi waan suniti jirtu d'araatani infud'atina. Yo akasi taatani ya t'urura keesa ufi buuftani wonti akanatiifi wonti suni waan AABBO Waaqi guddo jibbu.


Duuba waan isani taatani, fulla worra ta woyyu ch'ufa balleesa, d'akha woyyu ka worri old'ad'aabe ch'ufa ch'ach'absa, akheekha waaqa worra ka Asheri jed'ani ch'iraa balleesa, waan worri boch'e aka waaqa yaamatu ch'ufa gubba balleesa.


Jennaani anini bineensa toko ka galaana keesaa bahu arge. Gaafa kud'anifi mata torba qaba, gaafa ch'ufa ira sure hayyumati jira, mata ch'ufa irati maqa hamama t'aafani.


Isani wold'aqisa tokole nama lafa tana keesa tau woliini tolfachu himmalle, ammalle fulla worri sorio iti baasu chachabsu maltani. Ammo isani waan anini isaniini jed'e intolchine, garagaltani waan d'ibi tolchitani.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ