4 Ammalle aka AABBO Waaqi askarti Misiri ch'ufa, fardooleefi gaari fardi hirkisule Galaana Diima keesati hobaase gaafa worri isani reebe, la agartani.
Bisaani nyaapa worraa ch'ufa guuratani, nama tokole bahu d'owani.
Farda Faraotiifi gaarifi yaabatuuni fardaa galaana duudani jennaani AABBO Waaqi bisaani galaana suni worra Farao ira deebise; ammo worri Israeli lafa goddu ira galaana taake.
Inni gaari Faraotiifi askarti isaa galaanati d'abbe; askarti isaa hojattu dadansa ch'ufa galaani Diimani liqimse.
Ammo isani dachaa, lafa aloo ta qajeela galaana Diimati iti d'aabad'a.
Ammalle waan inni lafa aloo ta gamooji taaniti ka isani arma ind'ufini, isanii tolche imbeetani.
Nu kaane lafa aloo keesa qajeele galaana Diimati iti d'aabanne, akuma AABBO Waaqi nuuni jed'e, haga guyya heddu nu lafa gaareeni ta Edomu keesa godaanne.
D'ugefachaani gochiti Israeli galaana Shamu, aka lafa goddu, taakite; ammo gochiti Misiri taaku feenaani bisaani liqimsani hobaasani.