18 Inni haad'a hiyyeesatifi hiyyeeyile qorqorate dubbataafi: Inni keessuma teennale jaalate beelafi daara baasa.
AABBO Waaqa sodaad'a, yo wo tolchi taanile ufi qorqorad'a; wonti akanatiifi AABBO Waaqi keenna nama d'uga gula indeemne, ka nama gargari file yokhaani gumbo nyaatu inoobsu.
Atini boha nama dabsanitiifi ta ilmaani hiyyeeyi d'ageeta; atini worraa dubbatte, akasiini nami ka ufiftu woma ufii imbaane deebie worra imudamsisu.
AABBO Waaqi nama dabsani d'uga mure, waan worraa malle kennaafi.
Inni nama ch'ufaa dansa, waan inni uume ch'ufa innaha.
Inni keessuma lafa teenna keesa teetu qorqorate, haad'a hiyyeesatiifi ilmaani hiyyeeyi qarqaare mala ch'ubbicha ch'ufa balleesa.
Waaqi ka mana ufii qulqullooti galu, inni abba hiyyeeyi tahe haawaani isiile qorqorata.
Inni nama ch'eekho qabu worra kenneefi nama hid'aansa keesa jirule hiikhe balchoomse, ammo nama isa didu lafa aloo ta d'eebichati galcha.
Nama ana AABBO Waaqa male, waaqa d'ibi sorio baasu, ijeesa.
Nama gosa d'ibi iti ch'ubbamtani indabsina; qaabad'a, aka isanileeni lafa Misirileti keessuma taatani.
Haad'a hiyeesatiifi hiyyeeyile ingaargalchina.
Yo isani gaargalchitani, anini, AABBO Waaqi, yo worri qarqaarsa nati bohe ind'agayaafi;
aka waan dansaa tolchitani barad'a. D'uga barbaada gula yaa, nama dabsani barbaada, ilmaani hiyyeeyi waan isii kennafi, nad'eeni hiyyeeyile dubbad'afi.
Ilmaani teesani hiyyeeyi na birati lakisa, inqorqorad'a, nad'eeni teesani ta d'iirsa inqamneleeni ha na abdatuti.
Worri Ashuru dandae nu imbaasu, ammalle fardi lolaleeni dandae woma nuraa ind'owu. Nu iti deebine waan harka keennaani boch'ine waaqa jenne inkad'annu. Ee AABBO Waaqa, nami hiyyeeyiini naasu iraa argatu siuma.
Yo nami gosa teesani ka Israeli hiyyoomate ufi bulchu dad'abe qarqaari, aka atini keessuma qarqaartu, aka duuba inni sibiraa infagaanne.
Hojja atini nu woliini godaante eeba AABBO Waaqi nu kennu ch'ufa woliini qoodanna.
aka isani ilmaani Abba keesani ka gubba jiru taatani. Inni adu nama hamamafi dadansale baase, bokayale nama d'ugatiifi nama d'arale rooba.
Taatule inni waan isa d'ugeesa taka ind'amne ammo waan dansa tolche, isanii roobe, mid'aani isanii kenne garaa keesani sagalefi gammadaani quufsa.
Waaqi nama keessumafi ilmaani hiyyeeyifi nad'eeni hiyyeeyi waan isii d'owe dabse ha abaaruti. Duuba gumiini ch'ufti ha Amini! jettu.