Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Qaabacha Seera 10:12 - KITAABA WAAQA

12 Amma worra Israeli AABBO Waaqi maani isani iraa fed'a? Wonti inni isani iraa fed'u, aka isani AABBO Waaqa keesani sodaatani, kara isaa ch'ufa gula yaatani, isa jaalatani, AABBO Waaqa keesani garaafi onne teesani ch'ufaani hojattani,

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Qaabacha Seera 10:12
55 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Solomonini AABBO Waaqa jaalate, dubbi abba isaa Daudi gula deeme, ammo innileeni fulla heduti sorio Waaqaa baase hit'aanale aarsefi.


Ammo Yehuni Seera AABBO Waaqa Israeli guddo jabeese gula indeemne, fulla suni inni faana Yeroboamu, ka worra Israeli ch'ubbu keesa buuse, gula bahe.


Inni faana ababo isaa Daudi gula bahe, waan AABBO Waaqa gammachiisa tolche.


Inni taka AABBO Waaqa lakise seera isaa inch'absine. Ammo seera AABBO Waaqi Musaa kenne ch'ufa akuma dansaa guute.


Amma atinileeni, ilma kiyya Solomoni, Waaqa abba kanketi beekhi, garaa tokofi qalbi tokooni isaa hojad'i. Inni heregaafi fed'i teenna ch'ufa imbeekha, yo barbaadde isa inuma agarta; yo atini isa iraa gorte, inni haga jiru jireenna si abaare si lakisa.


Ammalle wold'aqisa woliini tolfatani, aka AABBO, Waaqa ababoota isaani ch'alla garaa tokofi qalbi tokooni kad'atani.


Yo worri Waaqa saalfate hojateefi, worri hormatafi nagayaani taa.


Ayyaana isa ka dubbi Waaqaa guute, garaa ufii ch'ufaani isa gula deemu.


Ayyaana isaati, ka AABBO Waaqa sodaate kara isaa gula deemu.


Inni nama isa jaalatu ch'ufa imbaasa, ammo ch'ubbicha imballeesa.


Ee AABBO Waaqa, atini irre tiyya anini akami si jaalad'a!


Nami AABBO Waaqa d'ugeefatu ch'ufti isa sodaad'a. Nami isaa saalfatu ch'ufti womafu irakatu.


Anini sila, hojja gumiini tiyya naa saalfate kara kiyya gula yaatu akami fed'a!


Anini sila maro tokotu nyaapa isaani balleese dabasad'a.


Duuba hojja isani naa, AABBO Waaqa, Waaqa keesani kad'attani, anini isani eebise sagaleefi bisaani isanii kenne fayyad'aba keesanile isani fayyisa.


Eegi waan kana ch'ufa jecha toko ch'allati hafa: Waaqa sodaad'i, seera isaa gula deemi; wonti akanatiifi wonti nama iraa fed'ani tana.


Duuba worri seerafi aada tiyya ch'ufa gula deeme guuta. Worri gumi tiyya tae, aninileeni Waaqa worraa taha.


Hiyo akasiniti; AABBO Waaqi waan dansa nu tolchuu malle ya nuti hime. Wonti inni nuraa fed'u tana: aka waan d'uga qajeeltu tolchani, jaalala ind'umanne nama garsiisani, ufi saadu lakisani Waaqa woliini taani.


Duuba anini qalbi nama gosa ch'ufa garagalche qulqulleesa, aka worri maqa AABBO Waaqa ch'alla yaamate garaa tokooni isaa hojatu.


Yesoni waan jed'e, Aabbo Waaqa kanke jaalad'u, garaa kanke ch'ufaani, lubbu tante ch'ufaani, qalbi tante ch'ufaani.


Inni waan jed'eeni, Abba Waaqa kanke jaalad'u, garaa kanke ch'ufaani, lubbu tante ch'ufaani, jabeenna kanke ch'ufaani, qalbi tante ch'ufaani; ammalle nama ch'ufa aka ufi jaalatu jaalad'u.


Gaargala keesani Farisayo! Yo isani qooda kud'anneeso ta gurbi urgotiifi waan d'ibi sagaleeni urgeesanile Waaqa baaftani, ammo d'ugaafi Waaqa lakiftani, waan kana tolchu maltani ato taanile indeene.


Jennaani gumiini Waaqa Yudeafi Galilayafi Samaria keesa nagaya argate eebifamte, Aabbo Waaqa sodaate qarqaarsa Lubbu Qulqullotiini jabaatte heddatte.


Waaqi anini irre tiyya ch'ufaani hojad'e Odu Dansa Ilma isaa odeeseeti naa d'uga. Waaqi aka anini


Nu imbeenna, aka waan ch'ufa keesati Waaqi worra isaa jaalatu, ka inni fed'i ufitiini yaame, waan dansa tolchuufi.


Jennaani AABBO Waaqi waan nami jed'e, Beeni, worra kana dura deemi, aka worri lafa anini ababoota worraati kenne fud'atu.


ammalle aadaafi seera, ka anini AABBO Waaqi ara isanii kenne, guutani akanaani eeba argattani.


AABBO Waaqa keesani jaalad'a, guyya ch'ufa dubbifi gorsaafi aadaafi seera isaa guuta.


Hojja isaani seera anini arra isani kennu kana guutani, AABBO Waaqa keesaani jaalattani, garaafi onne teesani ch'ufaani isaa hojattani;


Arra AABBO Waaqi keesani seerafi aada tana ch'ufa guuta isaaniini jed'a: tanaafi garaa keesani ch'ufaani jabeesa guuta.


Tanaafi dubbi isaa ch'aqasa, seerafi aada isaa, ta anini arra isanii kennu, guuta.


Yo isani seera AABBO Waaqa keesani, ka anini arra isanii kennu guuttani isa jaalatani, isaa saalfattani, seerafi aada isaa ch'ufa gula yaatani, isani hortani daraartani, AABBO Waaqi keesani, lafa isani fud'attani iti qubachu geetani tanati, isani eebisa.


AABBO Waaqa keesani jaalad'a, isaa saalfad'a, iraa ingorina: duuba, yo akasi taatani, isanifi ilmaani teesani, lafa AABBO Waaqi ababoota teesani Abrahamufi Isaaqofi Yakobo inkenna jed'e kakhate, keesati lubbuuni teesani d'eeratti.


Achiti isani AABBO Waaqa keesani barbaaddani duuba yo isani garaa tokooni barbaaddani, inuma gartani.


Ato sila worri yo ch'ufa akana arge! Ato sila worri naa saalfate, seera kiyya ch'ufa jabeese guute, wonti ch'ufti worraafi ilmaani isaanile haga jiru jireenna nagaya taati.


ch'ufa guuta, aka wonti ch'ufa nagaya isanii taate, isani lafa amma iti qubachu geetani tana keesa teetani.


AABBO Waaqa keesani sodaad'a isa ch'alla hojad'a, maqa isaa ch'allaani kakhad'a.


Haga jirtani isanifi ilmaani teesanifi d'alooti keesanileeni ch'ufti. AABBO Waaqa keesani guddiftani aadaafi, seera isaa, ka anini isanii kennu kana, guutuu maltani, aka lubbuuni teesani lafa suni irati d'eerattu.


Jennaani AABBO Waaqi keenna seera kana ch'ufa guuta na sodaad'a jed'e nu barsiise. Yo akasi taane, inni nu tisse, nu qorqorate, badi nu d'owe nu duroomsa.


AABBO Waaqa keesani garaafi onne teesani ch'ufaani aka jaba jaalad'a.


Wonti nu seera kana baamneefi, aka jaalalti ta garaa dansa keesaa baatuufi ta qalbi dansaafi d'ugefacha dansa keesaa baatu, mullattu.


Tanaafi galata deebisu malle, waan nu finna inchochoone argannuufi. Galata deebimne, kara inni fed'uuni Waaqa kad'achu malle, saalafi soda keesa;


Seera hojattuuni AABBO Waaqa Musani isanii kenne jabeesa guuta: AABBO Waaqa keesani jaalad'a, fed'i isaa tolcha, seera isaa guuta iraa ingorina, garaafi qalbi teesani ch'ufaani isaa hojad'a.


Duuba Yoshuani ammalle waan jed'eeni, AABBO Waaqa sodaad'a d'ugaafi garaa tokooni isa hojad'a. Waaqoota d'ara ka ababooti teesani duri galaana Frati gammafi lafa Misiri keesati kad'atte d'id'imati d'aa, AABBO Waaqa ch'alla hojad'a.


Lafafi waan keesa jira tokole injaalatiina. Yo nami lafa jaalate, jaalalti Abba isa keesa injirtu.


Eentu dandae lafa dabsata: nama aka Yesoni Ilma Waaqa d'ugefatu male?


Samuelini waan jed'ani, Ato waan hamtu akana kana tatanile sodaattani AABBO Waaqa ira ingorina, ammo garaa keesani ch'ufaani isa hojad'a.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ