Yo anini alaati gabahu reefa nama woraanani fit'ani arga; yo anini dira d'aqule nama beelaani hobau arga. Raagootafi qaaloleeni akuma ufi huji hojati, ammo waan tau jirani imbeekhani.
Yo nami oboleesa ufii ka daba nama ijeesu tolchu arge, ha Waaqa kad'atuufi: aka Waaqi jireenna isaa keennu. Wonti kunini waan nama daba nama ijeesa intolchiini dubbatti. Ammo dabi nama ijeesu injira; anini, daba kana Waaqa kad'ad'a isaniini injed'u.
Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.