Biyyiti nama suni ha aka inni qulqullo hereddu, wonti akanatiifi inni nama sagale Waaqa keesani baasu. Anini AABBO Waaqa qulqullo, worra kiyyale inqulqulleesa.
Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.