Worri Eegi boojiani gale kaani ch'ufti hoosa jaare keesa qubate. Jila suni taka haga bara Yoshua ilma Nuniti asi akasi intolfanne, duuba guyya suni guddo gammadani.
Duuba worri gugurdaani askarti ha askartiti dubbate waan jed'uuni, Nami mana jaarate qara ineebisini isani keesa jira? Yo jiraate, ha worra ufiti deebiuti. Yo ka inni indeebiini isa lola keesati ijeesani, nama d'ibiti mana isaa eebisa.