7 Awaanisi aka fardo lola kurfoofte jira; mata ira waan aka sure hayyuma ta worqi qaba. Fuuli worra aka fuula nama jira.
Ka qara nyeench'a fakaata, ammo koola aka risa qaba. Ato anini tae laalu, koola suni iraa baasani bineensa suni olfuud'ani, miila lamaani aka nama old'aabani qalbi nama kennanifi.
Ato anini tae gaafa isaa suni ilaalu, gaafi diqaani toko jiddu gaafa kaanitini bahe, gaafi diqaani suni gaafa gugurda kaani sadi bubuqise. Gaafi diqaani suni ila namaatifi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba.
Worri keesani gugurdaani tuuta awaanisaa, ta naabo ira guyya qabbana ch'iiftu, fakaata. Ammo isiini, hojja aduuni baatu, imbarifti, fulla isiini yaatu nami imbeekhu!
Anini millannaani farda borora arge. Nami isa yaabatu guube harkaa qaba, sure hayyuma kennaniifi. Inni aka nama nama dabsatu dabsachu d'aqe.
Awaanisi aara kaani keesaa lafati baafate, jabeenna aka qanjibu kennaniifi.