19 Jabeenni fardoole afaanifi eege isii keesa jira. Eegeeni worra aka bofa jirti, mata qabdi, eege tanaani nama lafaa balleesani.
Mataani jaaroleefi worra gurra qabu — eegeeni raagoota dubbi d'ara barsiiftu!
Iti deebine ijoolle d'awaani galaana d'od'ooftu intaanu yokhaani ta barsiisaani nama d'ara ch'ufti chochooftu intaanu, ka malteeni nama d'ibi kara ira gorsu.
Inni eege aka qanjibu ta namaani ch'iniinu qaba, inni eege tanaani jabeenna haga jia shani ch'ufa namaani gaargalchani qaba.
Qooda sadeeso ka nama lafaa gaargali kunini sadeenu balleese: ibidafi aarafi qanqeeni afaani fardoole keesaa yaatu.
Nami lafati hafe kaani, ka gaargali kunini inijeesiini, waan harka ufitiini mid'aafatani kaani iraa indeebine, jinniifi waan harkaani boch'ani ka worqifi qarsifi saldaqafi d'akhafi mukhaani mid'aasani, ka dandae lafa ingarre, ka woma indandeenne, ka dandae indeemne, kad'achu illakimne.