Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhii Yohaannisii 9:17 - KITAABA WAAQA

17 Oobju keesa anini fardoolefi nama isi ira tatau arge: Worri wonte aka ibida bobeetu qaba, ta aka dooqa bulle, ta ammalle daalatooftu. Mataani fardoole aka mata nyeench'a jira, afaani worraa keesaa ibidafi aarafi qanqeeni yaate.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhii Yohaannisii 9:17
16 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Jennaani AABBO Waaqi maruma toko ibidaafi dillo aka ibida bobeetu Sodomafi Gomora gubbati roobe,


Kunini maqa askarti gurra qabdu, ta guddo huji beetu, ta gosa Gadi, ta d'ufte goli Daudi taate, gaafa inni lafa gamooji fulla jabeesani jaarani, keesa tau. Worri kunini ch'ufti guddo wonteefi woraanani woi had'u beekha, fuuli worra aka fuula nyeench'a nama sodaachisa ammalle akuma gadamsa gaara ira oria.


Inni ch'ile bobeetufi aara gubbaa gabuuse ch'ubbicha gubbati rooba; bubbe woi gubduni worra gube balleesa.


Duri duri, fulla ibidi guddaani toko hayyu Ashuru iti gubu kurfeesani. Fullaani sunini gadi qile, ammalle ballo, qoraanileeni arti miju. Duuba AABBO Waaqati hafuura isaatini ibida gabaase guba.


Galgala inni d'ufe suni aka kaleeti, harki AABBO Waaqa na tuqe jennaani afaani na duudani. Boriyyaate namichi kaani d'ufnaani AABBO Waaqi afaani na bane.


Daayya suni keesa anini dira shushani, ka lafa Elamu, keesati ufi arge.


Ato anini kad'achumati jiru, Gabrielini, namichi anini daayya qara taani keesati arge, barise nati gabue. Hojaani suni hojja sorio galgala baasani.


Yo nami worraa tuqu fed'u, ibidi afaani worra keesaa bahe, nyaapa worraa balleesa; akanaani nama worra tuqu fed'u ch'ufa ijeesani.


inni daad'i dalansu Waaqa d'uga, ta ato ilaafisiini mudunu dalansu isati naqani! Ammalle ibidafi qanqeeni fuula malaika qulqullofi Ilme Hoola durati isa gaargalchani.


Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.


Jennaani Sheet'ana, ka worra sobe, galaana ibida keesa buusani, fulla bineensafi raaga d'ara qara buusani, halkani guyya haga hegeri worra gaargalchani.


ka shaneeso bule, ka jaeeso diima fakaata, ka torbeeso daalacha, ka saddeeteeso doti fakaata, ka sagaleeso baricha, ka kud'anneeso haama fakaata, ka kud'ani tokeeso bule had'icha, ka kud'ani lameeso had'o fakaata.


Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.


Qooda sadeeso ka nama lafaa gaargali kunini sadeenu balleese: ibidafi aarafi qanqeeni afaani fardoole keesaa yaatu.


Qomti worra waan aka wonte sibiila qabdi, iyanti koola worraa aka iyana fardo lola yaatu jirti.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ