Mudhii Yohaannisii 8:3 - KITAABA WAAQA3 Malaikaani eele hit'aana ta worqi harka qabdu d'ufte, fulla waan sorio irati qalani ejatte. Hit'aana heddu iti kennani, aka isiini kad'acha worra Waaqaati darte ammalle waan sorio irati qalani ta barch'uma guddinna dura ejitu, dura keetu. အခန်းကိုကြည့်ပါ။ |
Anini AABBO Waaqa, ka d'aatu fulla sorio iti qalani eju arge. Inni waan jed'e, Fiit'e utuba Mana Waaqaa d'ai, aka mikhikili balbalaa chochou. Utuba suni fiit'e iraa ch'ach'absi, aka fiit'eeni suni nama arti jiru ch'ufa ira jiddu. Duuba anini nama hafe kaani ch'ufa goraadeeni balleesa, tokoleeni na dura bahe imfiigu.