Ato Yesoni Mana Waaqa keesati nama barsiisuu jiru, inni qonqo olfud'ate waan jed'e, Isani d'uguma na beetani? Ammalle fulla anini bahefile imbeetani? Anini ufiini ind'umne, taatule Waaqi na erge ka d'ugaati, isani isale imbeetani.
Petroni waan kana arginaani waan biyyaani jed'e, Worra Israeli, maafi waan kana mamtani sonaani nu ilaaltani, aka waan nu jabeenna keennaani yokhaani qulqullooma keennaani nama kana fayyimne?