10 Qonqo guddooni iyani waan jed'ani, Baafami gara Waaqa keenna, ka barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoolati.
Siuma ch'alla ee AABBO Waaqa, siuma ch'alla nuuniti nami guddinna kennuufi mallani siuma, maro jaalala tante ta ind'umanneetiifi ta d'uga teeti.
Dabsachaani AABBO Waaqa ira d'ufti, inni gumi ufii ha eebisuti!
AABBO Waaqi nama d'ugaa qajeela baase guyya gaargala worra qorqorata.
AABBOONI anuma, ana male ka isani baasu injiru.
Waaqi Israeli, ka gumi ufi baasu, Waaqa ufi d'ossu.
Koota, dubbi teesani gaadisati himad'a; nami dubbi qabu ha wolgaafatuti. Eenuti waan taha kana duri fage? Ana AABBO Waaqaniti? Waaqi gumi ufi baase anuma, ka d'ibiini injiru.
Kad'achaani gaara irati nu waaqa d'ara kad'annu woma nu imbaane, qarqaarsi Israeli garuma AABBO Waaqa keenna ch'allaa d'ufa.
AABBO Waaqi waan jed'u, Anini AABBO, Waaqa keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase. Isani na male Waaqa d'ibi imbeetani, na male qarqaarsi keesani d'ibiini injiru.
Ammo anini si faarse, sorio sii baase, waan siti kakhad'e ch'ufa guuta. Ka nama baasu AABBO Waaqa ch'alla!
Wonti guddooni gaara faakataleeni si duraa gorti. Atini Mana Waaqaa deebite jaarta; ammalle akuma atini d'akha eegee gubba keetuuni, biyyiti lalabde, Mana akana mid'aagu, mana akana mid'aagu taka agarte? jetti.
Gammada, qilit'ama, worra Sioni! Gammada, lalaba, worra Yerusalemu! Laala, hayyuuni keesani isaniti d'ufuu jira! Inni ka waan ch'ufa dabsate irre guddo qabuti d'ufa, ammo inni ufi insaadu, harre yaabata — bukhura harreeni d'altuni d'alte gubba taa.
Nami ch'ufti baafama Waaqaa ila ufitiini arga.
Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.
Yeso deemu jiru millate waan inni jed'e, Ilaala ilme Hoola Waaqa!
Isani waan imbeenne kad'attani, ammo nu waan beennu kad'anna; wonti akanatiifi baafami gara Yahuditi d'ufa.
Maro eeba Waaqaatiifi isani baafama argattani, kara d'ugefacha gula. Waan isani ufiini tolfattaniiniti, ammo tola Waaqi isanii kenne.
Jennaani anini qonqo guddo ta akana jettu d'agaye: Amma baafami Waaqaa yayu d'ufe! Waaqi ya irre ufi aka hayyu garsiise! Kristoni isaa ya jabeenna ufi garsiise! Wonti akanatiifi nama oboleyaani teenna himatu, ka halkani guyya Waaqa dura eje worraa himatu, la gubbaa gadi gatani.
Eegi waan kana anini waan aka qonqo guddo ta nama heddu gubba d'agaye ta, Waaqa faarsa! Baafamafi guddinnaafi jabeenni ka Waaqa keennati!
Jennaani nami barch'uma guddinna gubba tau waan jed'e, Amma anini waan ch'ufa haraa tolcha. Ammalle inni waan jed'e, Waan kana t'aafi, wonti kunini waan d'ugaati, nami dandae ind'ugefata.
Waan Waaqi abaare tokole dira suni keesati inargani. Barch'umaani Waaqatiifi ka Ilme Hoola dira keesa jira, hojattuuni isaa isa guddifti.
Barch'uma suni durale waan aka galaana dawiti ka bibiliqaati jira. Ammalle d'awatu barch'uma suni, gama ch'ufa waan lubbu qaba afuriti jira ka ila duraafi duubale qabdu.
Ilmeeni Hoola taani d'at'e woraqata harka mirga nama barch'uma guddinna gubba tau keesaa fuute.