Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhii Yohaannisii 5:6 - KITAABA WAAQA

6 Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhii Yohaannisii 5:6
35 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

AABBO Waaqi lafa ch'ufa ilaale tisse nama isa d'ugeefatu jabeesa. Waan atini aka daale tateefi, armaa achi worraani lafa tante keesaa imbahu.


Jennaani jabeennafi ulfinnaafi irre inni woini fiddu isaa kennani, aka nami gosafi d'alootafi afaani afaani dubbatu ch'ufti isa hojatu. Jabeenni isaa haga jiru jireenna taa, finna isaa muumme inqabu.


Anini fulla galaana Ulai eje, jennaani hoola dagaaga d'aatu galaana suni eju arge. Gaafi isaa toko kaani iraa d'eera, ammalle eege kaani bahe.


AABBO Waaqi waan jed'u, Worra Sioni kaa, nyaapa keesani aka mid'aani d'aanani d'aana! Anini aka korma looni ka gaafa sibiila guraachatiifi qeench'a sibiila diima qabu isani tolcha. Isani gosa heddu d'aantani ch'ach'arasitani, ammalle hori worri kara dabatini argate iraa fuutani ana, abba lafa ch'ufaati baaftani.


Inni aka ifsa guyyae d'ufa; harka isaa keesa ifsaani biliqa, achi fulla irreeni isaa iti d'ofamtu.


Anini Yoshua dura d'akha toko, ka moga torba qabu, kaya. Anini d'akha suni irati wo t'aafe, duuba guyya tokooni ch'ubbu lafa tana iraa fuud'a.


Inni baafama ka taka argani ind'agayiini nuu kenne, d'aloota garbicha ufi Daudi keesa.


Boriyya Yohanani Yeso gara isa d'ufu jiru arginaani waan jed'e, ilaala, ilme hoola Waaqa, ta daba nama lafa ch'ufa fud'attu.


Yeso deemu jiru millate waan inni jed'e, Ilaala ilme Hoola Waaqa!


Fullaani inni t'aafi keesa soomu tana, Akuma hoola qalani ijeechati isa geesani, ammalle akuma ilmeeni hoola ta abbaani rifeensa iraa ch'iru ch'alliftu, akasuma ch'allise.


Anini Yohanani gara gumi torba ta lafa Asia keesa jirtu waan kana t'aafa: Waaqi ka amma jiruufi ka durile jiru, ammalle ka hegerile jiruufi lubbu torbaani ta barch'uma isaa dura teteetufi


Oboleyaani teenna d'iiga Ilme Hoolatiifi d'uga worri odeesuuni isa dabsatte; worri kurfo jira aka jireenna ufi baase duu.


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Jennaani anini millannaani Ilme Hoola ta garaa Sioni jed'ani gubba ejitu arge. Isa woliini nama kunki d'iba tokotiifi afurtami afuriti jira, ka maqa isaatiifi maqa Abba isaa adda gubba qabu.


Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi.


Anini Mana Waaqa dira suni keesati ingarre, wonti akasitiifi Mani Waaqa suni Aabbo Waaqa Guddafi Ilme Hoola.


Diri ifse adutiifi jia imfed'u, waan guddinni Waaqa iti ifse, Ilmeeni Hoolaleeni ifsa taatuufi.


Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.


Waan Waaqi abaare tokole dira suni keesati inargani. Barch'umaani Waaqatiifi ka Ilme Hoola dira keesa jira, hojattuuni isaa isa guddifti.


Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.


Ammalle anini millannaani malaika kunki heddu d'agaye, ta aka kunki kunki! Barch'uma guddinnatiifi waan Lubbu qaba afraanifi jaarole marsite,


qonqo guddooni sirbite waan jette: Ilmeeni Hoola ta ijeesani, jabeennaafi duroomafi qaroomafi irreefi ulfinnafi guddinnaafi faaru argachu malte!


Jennaani anini waan gubba jiratiifi, ka lafa jiratiifi ka lafa jala jiratiifi, ka bisaani keesa jirale waan lafa tana keesa jira ch'ufa, ka sirba d'agaye; gara nama barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoola. Faarufi guddinnaafi ulfinnafi jabeenni ha tahu. Haga hegeri! jed'ani.


Wonti Lubbu qaba afraani kaani, Amini! jette, jaaroleeni lafati jidde Waaqa kad'atte.


Gaareenifi d'akhaye yaamani waan jed'ani, Nurati jiga, ila nama barch'uma hayyuma gubba taufi dalansu Ilme Hoola dura nu d'ossa!


Nyaapa AABBO Waaqa imballeesani; inni gubba iti mandia, AABBO Waaqi lafa ch'ufa qore hayyu ufi jabeese hayyu inni fohate dabsachiisa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ