Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhii Yohaannisii 4:11 - KITAABA WAAQA

11 Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhii Yohaannisii 4:11
31 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Gaafa qaraa fiit'e, Waaqi lafafi gubba uume.


Anini AABBO Waaqa yaamad'e, inni harka nyaapa kiyya keesaa na baasa. AABBO Waaqa ha faarsani!


Jari Lawi kunini Yeshua, Kadmieli, Bani, Hashabneya, Sherebia, Hodia, Shebaniafi Pethahiyaleeni waan biyyaani jed'ani: Olkakaa, AABBO Waaqa keesani haga jiru jireenna faarsa! Nami ch'ufti ha maqa isa gudda faarsu, ato faaruni isa geetu jiraachu baatele.


Anini guddo wo beekha; anini beekhuma kiyyaani aka Waaqi na uume, Waaqa d'ugaa si garsiisa.


Anini AABBO Waaqa yaamad'a, inni harka nyaapa kiyya keesaa na baasa. AABBO Waaqa ha faarsani!


Jabeenna Waaqaa odeesa; guddinni isaa Israeli gubba jira, jabeenni isaa gubba taa.


Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.


AABBO Waaqi waan mid'aase ch'ufa woumafi mid'aase, ch'ubbichale aka balleesuufi uume.


Me gubba ilaala, urji isani agartani tana eenuti uume? Nami uume isuma, ka isi tokotokooni gayaasu; inni haga isii imbeekha ammalle ch'ufa maquma isiitiini yaama! Irreeni isaa guddo jabdu, tanaafi urjini suni tokoleeni imbaddu!


Isani imbeetani? Isani ind'ageenne? AABBO Waaqi Waaqa haga jiru jireenna jiru; lafa ch'ufa haguma geetuuni isumati uume. Inni dad'abe illaafu. Nami tokoleeni herega isaa inhubatu.


(Waan isani worra sunini jettani: Waaqa keesani ka lafafi gubba inuumini kana imballeesani. Deebiani lafa keesa fulla tokoleti inargani.)


Ee AABBO Waaqa gudda, atini irreefi jabeenna kanke guddaani lafafi gubba mid'aasite. Wonti atini indandeenne tokoleeni injirtu.


D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.


Waaqi, ka lafafi waan keesa jira ch'ufa uume, waan inni Abba gubbafi lafa taheefi, mana harki nama ijaare keesa intau.


Waan ch'ufa isati uume, wonti ch'ufti maro isaatiifi jirti, ammalle isaani jirti. Guddinni gara Waaqa haga hegerile ha jiraatuuti! Amini.


ammalle aka nami ch'ufti mala Waaqa ka d'ossani amma guutani argu. Waaqi, ka waan ch'ufa uume, duri mala ufi d'ofate,


AABBO Waaqi jaba aka d'akha, ka wonti inni tolchu ch'ufti d'uga. Inni Waaqa d'uga, ka d'ugeefatani, ka qajeelafi d'ugaa tolchu.


Ammalle inni waan jed'e, Aabbo, atini gaafa qara lafa uumte, harka keetiini gubba mid'aasite,


ammo ammatana, bara eege kana keesa la Ilma isatiini nuti dubbate. Waaqi waan gubba jira ch'ufa isaani uume, isa fohate, aka gaafa muumme inni waan ch'ufa d'aallu.


qaalole hayyuma Waaqa ta abba isaati hojattu nu tolche. Gara isaa guddinnaafi jabeenni ha tahu, ammafi hegerile! Amini.


maqa Waaqa ka haga hegeri jiruufi ka gubbafi waan keesa jira ch'ufa uume, lafafi waan keesa jira ch'ufaafi galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumeeni kakhate. Malaikaani waan jette, ammaa achi wonti kunini iti deebite inturtu.


Isiini waan qonqo guddooni jette, Waaqa sodaad'a, guddisa! Wonti akanatiifi hojjaani qorsuma isaa la geete. Waaqa ka lafafi gubbafi galaanafi maddo bisaani ch'ufa uume guddisa!


Eegi waan kana anini waan aka qonqo guddo ta nama heddu gubba d'agaye ta, Waaqa faarsa! Baafamafi guddinnaafi jabeenni ka Waaqa keennati!


qonqo guddooni sirbite waan jette: Ilmeeni Hoola ta ijeesani, jabeennaafi duroomafi qaroomafi irreefi ulfinnafi guddinnaafi faaru argachu malte!


Malaika guddo toko ta qonqo guddooni, Eentu beesisa ch'abse woraqata kana banu male? jettu d'agaye.


Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ