Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhii Yohaannisii 3:12 - KITAABA WAAQA

12 Nama dabsatu anini utuba Mana Waaqa kiyya tolcha, inni haga jiru keesaa imbahu. Maqa Waaqa kiyyatiifi maqa dira Waaqa kiyyale, Yerusalemu hareeti, ta gubba fulla Waaqa kiyyati baatu, isa irati t'aafa. Anileeni maqa kiyya haraa irati t'aafad'a.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhii Yohaannisii 3:12
26 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Huramuni utuba sibiila diima suni lamaani balbala Mana Waaqa dura d'ad'abe: ka bita aanuni Yakini jed'ani, ka mirga aanuni Boazi jed'ani.


Galaanati jira, ka dira Waaqaa gammadani iti d'ufu, Mana qulqullo Waaqaa guddati.


Nu waan Waaqi tolche qara d'ageenne, amma yayu dira Waaqa AABBO keenna gudda keesati argine; inni dira suni jabeese haga jiru jireenna qorqorata.


Ee dira Waaqaa, waan kanke dansa inni dubbatu ch'aqasi:


Ee Yerusalemu, gochiti ch'ufti d'uga tante agarte, hayyooti worraa ch'ufti guddinna kanke argiti; maqa hareesa AABBO Waaqi sii kennuni si yaamani.


Gumiini anini fohad'e maqa keesanini nama abaarti. Ana, AABBO Waaqa guddati, isani fit'a; ammo nama naa saalfatu maqa haareesa kennaafi.


Yeremia, ch'aqasi! Nama lafa tana keesa jiru ch'ufti — hayyoota Yuda taanaani, jaarole taanaani, qaalole taanaani, gumile taanaani — ch'ufti siini morka. Ammo arra jabeenna atini worraani dabsatu sii kenna. Atini dira jabeesani jaaranifi utuba sibiilatifi naabo sibiila diimani mid'aasani fakaata. Worri si indabsatu, wonti akanatiifi anati si qorqorata. Nami dubbi tana jed'e, ana AABBO Waaqa.


Bada suni faano itiini olkoraniti jira. Ballinni bada suni d'und'uma kud'ani lama. Bada suni dura utuba lamati moga moga ejaanja.


Biimani naabo suni, ta moga afraani ch'ufti wolti, ejata kuma sagali. Armaa achi maqaani dira kana baasani AABBO Waaqi Arma Jira!


Tokooni d'ufani jennaani inni waan jed'eeni, Mata eenuti gubba taa? Worri waan jed'eeni, Mata Kaisari.


Yakobofi Petrofi Yohanani, jari jaarole fakaatu, aka Waaqi huji tana naa kenne arginaani, naafi Barnabale ee jed'ani nu gula galani, nu nama taka taane, gosa d'ibi keesa hojanna, worri ha Yahudi keesa hojatu jenne woliti buufanne.


inni abba worra ch'ufa, ka nami lafafi gubba jiruleeni maqa d'ugaa ira argatu.


Ammo isani gaara Sinaiti d'uftani, gara dira Waaqa jiru, Yerusalemu ta gubba jirtu, ta malaika kunki heddu qabdu.


Wonti akanatiifi nu dira haga hegeri tau lafa tana keesa inqamnu; nu dira hegeri d'ufu eeganna.


Ammo ijoolle tiyya, isani ka Waaqaati, raagoota d'ara ya dabsattani; wonti akanatiifi Lubbuuni isani keesa jirtu lubbu worra lafa keesa jiru ira jabdu.


Jennaani anini millannaani Ilme Hoola ta garaa Sioni jed'ani gubba ejitu arge. Isa woliini nama kunki d'iba tokotiifi afurtami afuriti jira, ka maqa isaatiifi maqa Abba isaa adda gubba qabu.


Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nami dabsatu duisa lameesotiini ingaargalu.


Nami gurra qabu waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini sagale manna jed'ani ta d'ossani kennaafi. Ammalle ch'abbi adi ta maqa hareesa irati t'aafani, ka nama argatu male nami d'ibiini imbeenne kennaafi.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini mid'aani mukha jireenna, ka oobru Waaqa keesati bahu, nyaachisa.


Ammalle anini Dira Qulqullo, Yerusalemu hareeti, ta gubba gara Waaqaati lafati d'uftu arge, ta mid'aasani kurfo teetu, akuma intala fuud'a ta woya mid'aadu keyatte d'iirsa eeddu.


Worri fuula isaa arge, ammalle maqa isaa adda isaani gubbati t'aafatani.


Nama dabsatu woya akana adi uyisaniifi ammalle maqa isaa kitaaba jireenna keesaa imballeesu. Aabboofi malaika isaa durati aka worri nama kiyya diideese hima.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ