Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.
Anini Yohanani, nama dubbi fagiisa ta kitaaba kana keesa jirtu d'agaye ch'ufa gorsa: yo nami waan d'ibi iti dare, Waaqi gaargala kitaaba kana keesati t'aafani nama suniti dara.