Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhii Yohaannisii 22:9 - KITAABA WAAQA

9 Ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini akuma keetiifi akuma oboleyaani tante ta raagootatiifi akuma nama dubbi kitaaba kana keesa jiru guutu ch'ufa hojattu. Waaqa guddisi!

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhii Yohaannisii 22:9
19 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Isani ana, AABBO Waaqa ka jabeennaafi irre ufitini lafa Misiri keesaa isani baase ch'aqasu maltani. Isani na durati gajettani, sorio naa baasu maltani.


Mid'aagumti tante hayyu d'araasifti; inni gudda keeti, isaa saalfad'i:


Waaqa d'ibi tokole inkad'atiini, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi, waan d'ibi ka naani morku dandae inoobsu.


Duuba waan jed'eeni, Waan kana ch'ufa anini sii kenna, yo atini gadi jette na guddifte.


Duuba yo ati na guddifte wonti kuni ch'ufti kanke taati.


Ufi eegad'a aka ilaalacha keesa seentani waan gubbati gartani adu jia, yokhaani Urjiifa guddiftani kad'atani inhojanneefi. AABBO Waaqi keesani yayu waan kana biyya taani d'ibii kenne, aka worri kad'atu.


Ammalle nu imbeenna aka Ilmi Waaqa d'ufe hubacha nuu kenne, akasiini aka Waaqi d'ugaa beenna. Nu Waaqa d'ugaa keesa jira, Ilma isaa Yeso Kristo keesa. Waaqi d'ugaa kana, jireenni hegerileeni kana.


Tunini waan Waaqi Yeso Kristoti mullise, aka inni waan d'iotu taha hojattu Waaqaa agarsiisu. Kristoni malaika ufi Yohanati erge waan kana beesise.


Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.


Isiini waan qonqo guddooni jette, Waaqa sodaad'a, guddisa! Wonti akanatiifi hojjaani qorsuma isaa la geete. Waaqa ka lafafi gubbafi galaanafi maddo bisaani ch'ufa uume guddisa!


Eennuti sii insodaanne Aabbo? Eennuti maqa kanke inguddimne? Si ch'allati qulqullo. Gochiti ch'ufti d'ufteti si guddiftu. Maro huji tante ta d'uga, ta nami ch'ufti arguutiifi.


Anini miila isiti jige isii guddise, ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini hojattuma aka keetiiti, ammalle aka oboleyaani teeti, worra d'uga Yesoni mullise jabeesu ch'ufa. Waaqa guddisi! Wonti akanatiifi d'uga Yesoni mulliseti raagoota dubbachiisa.


Ammalle isiini waan naani jette, Dubbi fagiisa ta kitaaba kana keesa jirtu ind'ossiini, yoi wonti kunini ch'ufti taatu ya d'iaate.


Anini Yohanani, nama dubbi fagiisa ta kitaaba kana keesa jirtu d'agaye ch'ufa gorsa: yo nami waan d'ibi iti dare, Waaqi gaargala kitaaba kana keesati t'aafani nama suniti dara.


Yesoni waan jed'u, Ch'aqasi! Anini d'iotu d'ufa! Ayyaana nama dubbi faga ta kitaaba kana keesa jirtu guutuuti!


jaaroleeni diddami afuri taani nama barch'uma guddinna gubba tau kaani durati jidde isa guddifti. Sure hayyuma taani isa durati jissani waan jed'ani:


Nami lafati hafe kaani, ka gaargali kunini inijeesiini, waan harka ufitiini mid'aafatani kaani iraa indeebine, jinniifi waan harkaani boch'ani ka worqifi qarsifi saldaqafi d'akhafi mukhaani mid'aasani, ka dandae lafa ingarre, ka woma indandeenne, ka dandae indeemne, kad'achu illakimne.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ