Guyya suni nami ch'ufti waan jed'u, Inni Waaqa keenna! Nu isa abdanne, innileeni ya nu baase. Inni AABBO Waaqa! Nu yayu isa abdanne, amma waan inni nu baaseefi gammada qamna.
Amma galata dabsachaati na eegata, ammo sure d'ugaa ta Aabbooni jaallabi d'ugaa guyya suni naa kennuti na eegata, na ch'allaaniti ammo worra jaalalaani d'ufiisa isaa eegu ch'ufa.
akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.
Anini Yohanani, nama dubbi fagiisa ta kitaaba kana keesa jirtu d'agaye ch'ufa gorsa: yo nami waan d'ibi iti dare, Waaqi gaargala kitaaba kana keesati t'aafani nama suniti dara.