18 Anini Yohanani, nama dubbi fagiisa ta kitaaba kana keesa jirtu d'agaye ch'ufa gorsa: yo nami waan d'ibi iti dare, Waaqi gaargala kitaaba kana keesati t'aafani nama suniti dara.
Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.