Ee AABBO Waaqa, nami Israeliini abdatu sii, nama si lakisu ch'ufa inch'eersani. Worri akuma maqa d'uke keesati t'aafani bada, waan si AABBO Waaqa, bisaani madda jireenna lakiseefi.
Ya harka mirgicha Waaqati olfuud'ani, inni Lubbu Qulqullo isa ira argate, akuma Abbaani kakhate; wonti isani amma argitani d'ageettani kunini qarqaarsa inni nuu kenne.
Inni waan jed'e, Ya tolchani! Anini Alfafi Omega, anini ka qaratiifi ka eegeeti. Nama d'eebu qabu ch'ufa anini maddo jireenna keesa gati male bisaani obaasa.
Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.