Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhii Yohaannisii 21:8 - KITAABA WAAQA

8 Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhii Yohaannisii 21:8
39 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Nami kora keesati d'ara dubbate gati iti murani jalaa imbahu.


Nami kora keesati d'ara dubbate akasiini gati iti murani tokoleeni jalaa imbahu, inuma bada.


AABBO Waaqi waan jed'u, Nami isani jabeesu anuma isani maanifi nama sodaattani, ka inni buuyo ira ingoomne?


AABBO Waaqi waan jed'u, Waaqi isani sodaachise lubbu isani naqu kunini kami kana, ka isani d'ara nati dubbatani na deetani? Waan anini guyya heddu afaani qabad'eefi na sodaachu diddani?


Mataani jaaroleefi worra gurra qabu — eegeeni raagoota dubbi d'ara barsiiftu!


AABBO Waaqi Guddaani waan jed'u, Anini qorsumafi isaniti d'ufa, ammalle anini maruma toko worra falfala tolchu taanaani, d'iirafi nad'eeni aada male wolti yaatu taanaani, nama d'ara d'ugeesu taataanaani, ch'ubbicha nama hojattu isaati hori baasu didu taanaani, nama haad'a hiyyeesatiifi hiyyeeyi dabsu taanaani, nama keessuma ulfeesu didu taanaani, ammalle nama ch'ufa ka na insodaanne, d'uga intahuufi.


Nama nafa ijeese ammo lubbu woma tolchu indandeenne insodaatiina; ammo nama nafafi lubbu ibida keesa buusu dandau sodaad'a.


Anini sodaad'e hori kanke boola keesati d'osse; ilaali, horiini kanke kana.


Jennaani Yesoni waan worraani jed'e, Maafi akana sodaattani? D'ugefachaani teesani waan diqo. Jennaani Yesoni kae, bubbeefi galaana ch'allisiise, wonti ch'ufti qabanoofte.


Achiti fulla raamooni indoone yokhaani ibidi ind'aamne.]


Abbaani keesani Sheet'ana, ammalle d'araa abba keesani tolchu feetani. Inni haguma duriiti nama ijeesa, d'ugale woma ira inqabu, waan d'ugaani isa keesa injirreefi. Yo inni d'ara dubbate akuma ufi dubbata; wonti akanatiifi inni kiyyiba, abba d'araati.


Ammalle worri gugurdaani askarti ha dubbate waan jed'uuni, Nami daafanaani wosodaatu isani keesa jira? Yo jiraate ha worra ufiti deebiuti. Yo inni deebiu baate, inni worra d'ibile garaa laafisa sodaachisa.


Hamaani Kaani jabeenna Sheet'anatiini d'ufe mamisa gosa heddutiifi akheekha d'ara aka heddu tolche,


Barsiisaani tunini soba nama d'aratiifi ka heregi worra aka waan ibidaani gubani jiru iraa d'ufti.


Waaqa beenna ufiini jed'ani, ammo hujiini worraa ind'areesiti. Worri nama jibbani, namale inch'aqasu, waan dansa tokole dandae intolchu.


Isani la Yesoti d'uftani, ka wold'aqisa haraa tolche, ammalle la d'iiga fifit'ani, ka d'iiga Habili ira waan dansa himuti d'uftani.


Nami ch'ufti fuud'a ulfeesu male, d'iirsafi niitiini wollakisani gara d'ibi yau himmalle. Waaqi worra waan hamtu tolchuufi algala wollaala iti mura.


Eentu d'articha, nama Yesoni Kristoniti jed'u male? Nami kunini Nyaapa Kristoti, Abbaafi Ilmale indida.


Nami oboleesa ufi jibbu ya nama ijeese; isani imbeetani aka nami nama ijeesu jireenna hegeri ufi keesa inqamne.


Nami Ilma Waaqa d'ugefatu ch'ufti d'uga tana garaa ufi keesa qaba; ammo nami Waaqa ind'ugefanne ya Waaqa kiyyiba tolche, maro inni waan Waaqi waan Ilma isaa d'ugeese d'ugefachu dideefi.


inni daad'i dalansu Waaqa d'uga, ta ato ilaafisiini mudunu dalansu isati naqani! Ammalle ibidafi qanqeeni fuula malaika qulqullofi Ilme Hoola durati isa gaargalchani.


Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.


Nami gurra qabu, waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nami dabsatu duisa lameesotiini ingaargalu.


Anini waan atini tolchite imbeekha, aka atini guddo hojatte imbeekha, ammalle aka atini guddo obsitele imbeekha. Aka atini dandeete worra daba inobsinne imbeekha, ammalle aka atini worra ergattu ufiini jed'u, ammo ergattu intahiini ilaalte, aka worri kiyyibe agartele imbeekha.


Ammo wonti t'uri qaba tokoleeni keesa inseentu, yokhaani nami waan ch'eera tolchuufi ka d'ara dubbatuleeni. Worra maqa isaani kitaaba jireenna ka Ilme Hoola keesati t'aafani ch'allati seena.


Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.


Oobju keesa anini fardoolefi nama isi ira tatau arge: Worri wonte aka ibida bobeetu qaba, ta aka dooqa bulle, ta ammalle daalatooftu. Mataani fardoole aka mata nyeench'a jira, afaani worraa keesaa ibidafi aarafi qanqeeni yaate.


Ijeechafi falfalafi algaloomafi hanna tolchani, tokole iraa indeebine.


Waan atini biyyaani jettu, Nami sodaatu ch'ufti ha galuti, nu arma gaara Gileaditi hamna. Jennaani nami kunki diddami lama gale, nami kunki kud'ani hafe.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ