Isiini waan jette, Waan atini argitu kana kitaaba keesati t'aafi, gara gumi torbaani tana ergi: ta Efeso, ta Smirna, ta Pergamo, ta Thiatira, ta Sardi, ta Filadelfia, ta Laodikiale.
Yo nami waan tokole fagiisa kitaaba kana keesaa fuud'e, Waaqi qooda mid'aani mukha jireenna isa duraa fuud'a, qooda isaa ka Dira Qulqullole, ka kitaaba kana keesati t'aafani.