ka ila nama basse isale ha bassani, ka ilkaani nama keesaa baase isale ha keesaa baasani, ka harka nama iraa kute isale ha iraa kutani, ka miila nama iraa kute isale ha iraa kutani,
Nama Ilma Waaqa tuffatu, ka d'iiga wold'aqisa Waaqa ka isa qulqulleese bilaasha sehu, ka Lubbu eebaa arabsu, maal tolchani re? Gaargala isaa, aka inni hama, me herega!
Worri Waaqa imbeenne ya dalane, ammo dalansuuni tante ya d'ufte, hojjaani worra due qoranile; ammalle hojjaani hojattu tante raagootafi nama ch'ufa, diqaafi guddale, nama si sodaatu ch'ufa galata kennaniifi ya d'ufte. Yoi nama lafa balleesu balleesani ya gahe!
Qorsumaani isaa ta d'ugatiifi ta qajeelaati! Inni ya sharmut'iti guddo ta hameenna ufitiini lafa balleesite wollaala iti mure. Waaqi ya maro isiini tissele isaa fit'eefi gaargalche jettu.