5 Bineensa kana jabeenna kennani aka abaarsa hama dubbatu, ammalle jabeenna jia afurtami lama kennaniifi.
Araba nama sobu kana AABBO Waaqi ha ch'allisisu afaani kiyyiba dubbata ka tae dubbi teennaani waan feenu arganne, waan feenu dubbanna, nami dandae nu ind'owu jed'a ha ch'ufuti,
Anini aka isani kiyyibdani, dubbi heddu dubbattani afaani keesanini ufi guddiftanile ya d'agaye.
Hayyuuni lafa mirgaa waan fed'u tahe, anini waaqa ch'ufa ira jira jed'e ufi guddise, Waaqa guddale aka hama arabse akasiini nama mamsiisa. Inni haga Waaqi dallane badi isatini d'ufuti akasuma taha. Waaqi waan herege suni inuma guuta.
Nami bulti kuma tokotifi d'ibba sadiifi sodomi shani obse eegatu eeba argata!
Ato anini tae ilaalu, gaafa diqa kaani, ka tae kiyyibe ufi saadu, d'agaye. Jennaani ato anini tae ilaalu bineensa afreeso kaani ijeesani reefa isaa ibida keesa buusani gubani.
Anini ammalle waan gaafa isaa kud'annaani kaanitifi gaafa didiqa eege bahe, gaafa sadeeni kaani bubuqise, beekhu fed'e. Gaafi sunini ilaafi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba, ammalle gaafa kaani ch'ufa ira nama mudamsiisa.
Inni Waaqa gudda miid'e, gumi Waaqale dabsa. Ammalle inni seerafi aada worrale ch'ufa garagalchu fed'a, gumiini Waaqaleeni ganna sadiifi jia jaa isa jalati bulti.
Ato anini tae gaafa isaa suni ilaalu, gaafi diqaani toko jiddu gaafa kaanitini bahe, gaafi diqaani suni gaafa gugurda kaani sadi bubuqise. Gaafi diqaani suni ila namaatifi afaani kiyyibo ufi totolcha qaba.
Jennaani malaikaani taani waan jetteeni, Haga bulti kuma tokofi d'ibba tokofi shantama, ka sorio diiramafi galgala inqalanne. Duuba eege mani Waaqa aada ufi ta qara taaniti deebia.
Nami tokoleeni kara tokoleeni isani insobini. Guyyaani ind'ufu, haga Loli guddaani tahe Nami Hamaani ka fulla ibidati male mullatuuti.
Waan nami kad'atuufi ka nami guddisu ch'ufa inni indida. Inni waan ch'ufa ira ufi guddise, d'aqe Mana Waaqa keesa tae Waaqa ufiini jed'a!
Jennaani Hamaani Suni mullate, Aabbo Yesoni hafuura afaani isaatiini isa ijeese, d'ufiisa isaa ka guddinnatiini lafaa isa balleesa.
Yo worri d'aamsa ufi hobaafate, bineensi boola qile keesaa gadi bahu worra had'a. Dabsateti ijeesa,
Niiti taani koola risa gugurda lama kennaniifi aka isiini lafa gamoojiti baqate ganna sadifi nusa achi teete achiti qorqoratani, aka isiini had'iisa bofa suni dura baatu.
Niitiini gara lafa gamooji baqatte, fulla Waaqi isii mid'aase, aka achiti qorqoratani haga guyya kunki tokotiifi d'iba lamafi jaatama.
Aka inni jara Waaqa had'e dabsatu ee jed'ani, ammalle jabeenna inni gosafi afaanifi lafa ch'ufaani dabsatu kennaniifi.