AABBO Waaqi waan jed'u, Akuma tissituuni miila lama yokhaani gurra tokofa, ka hori nyeench'i nyaate iraa buuftu, akasuma nami takeeni dira Samaria, ka amma sireefi barch'uma dadansa ira tatau, iraa hafa.
Ammalle jabeenna bineensi qara qabu ch'ufa fuula isa durati garsiise. Inni lafafi waan isi keesa jira ch'ufa bineensa qara kad'achiise, ka madaani hamtuuni taani fayyite.
Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.