Biblia Todo Logo
အွန်လိုင်း သမ္မာကျမ်းစာ

- ကြော်ငြာတွေ -




Mudhii Yohaannisii 13:12 - KITAABA WAAQA

12 Ammalle jabeenna bineensi qara qabu ch'ufa fuula isa durati garsiise. Inni lafafi waan isi keesa jira ch'ufa bineensa qara kad'achiise, ka madaani hamtuuni taani fayyite.

အခန်းကိုကြည့်ပါ။ ကော်ပီ




Mudhii Yohaannisii 13:12
12 ပူးပေါင်းရင်းမြစ်များ  

Waan nami kad'atuufi ka nami guddisu ch'ufa inni indida. Inni waan ch'ufa ira ufi guddise, d'aqe Mana Waaqa keesa tae Waaqa ufiini jed'a!


Bineensi suni aka qeeramsa jira, miili isaa aka miila goorjama jira, afaani isaa aka afaani nyeench'a jirani. Jaweeni taani jabeennaafi guddinnaafi humna ufi ch'ufa bineensa suni kennite.


Nami lafa jiru ch'ufti isa guddisa, akasi jechaani, nama ch'ufa ka maqa isaa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna ta Ilme Hoola ta ijeesani keesati int'aafiini jecha.


Aari ibida worra gaargalchu haga hegeri oli deema. Nama bineensafi akheekha isaa kad'atuufi ka beesisa maqa isaa argate ufira qabuleeni boqota inargatu.


Malaikaani d'ibiini, ta sadeeso, lamaani taani gula deemte waan jette, Yo nami tokoleeni bineensafi akheekha isaa ka boch'ani guddise, ammalle akheekha adda yokhaani harka ufi ira argate,


Malaikaani qara d'at'e qori ufi lafati jissite. Madaani hamtuuni worra beesisa bineensa ufira qabuufi worra akheekha isaa guddiseeni baate.


Bineensi atini argate suni duri injira, ammo amma injiru; diquma boola keesaa imbahiini, aka balleesani. Nami lafa keesa jiru, ka maqa worraa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna keesati int'aafiini, yo bineensa suni ilaalani imaadefatani. Wonti akanatiifi inni duri injira ammo amma injiru, hegeri imullata.


Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.


Jennaani anini barch'uma guddinnatiifi worra ira tatau arge. Jabeenna worri woiini qoru kennaniifi. Ammalle anini lubbu nama, maro worri d'uga Yesoni mulliseefi dubbi Waaqa odeese ijeesani arge. Worri bineensa inguddimne yokhaani akheekha isale, yokhaani beesisa isaa harkafi adda ira inqabu. Worri aka hayyoota tahe, Kristo woliini ganna kunki toko lafa fide.


ကြှနျုပျတို့နောကျလိုကျပါ:

ကြော်ငြာတွေ


ကြော်ငြာတွေ