Duuba waan worra harka bitatiini jed'u, Na biraa bada, isani abaarsa Waaqa qabdani; gara ibida ind'aamne bada, ka Sheet'anafi malaika isaati bobeesani!
Ammo aka ufi guddisu na d'owani maro waan dansa ka anini argeetiifi, nafa kiyya keesa qoraatiini na woraante; wonti na d'ukubse suni aka ergattu Sheet'ana taate na gaargalchite ufi guddisu na d'owarte.
Iti deebine ijoolle d'awaani galaana d'od'ooftu intaanu yokhaani ta barsiisaani nama d'ara ch'ufti chochooftu intaanu, ka malteeni nama d'ibi kara ira gorsu.
Malaikaani guddooni Mikaelileeni waan akana kana taka intolchine. Gaafa inni reefa Musa irati Sheet'anaani woldidani, Mikaelini Sheet'ana arabsu dide waan jed'eeni, Aabbooni si gorsinna!
Nama lafa ch'ufa keesa tau waan mama ka inni fuula bineensa qara durati tolcheeni sosobe. Bineensi kaani nama lafa ch'ufatiini, Akheekha bineensa sheeftiini woraanani ammo induiini kaani fakaatu mid'aasa, guddisa jed'e.
Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.
D'ipufi hiyyuma tante imbeekha. Ammo atini guddo dureeti. Anini d'ara ta jari Yahudi intahiini ka ammo Yahudi ufiini jed'u suni jed'u imbeekha. Worri gumi Sheet'anaati.